Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad warshaa Seeraamikaa Giraandiyur eebbisuun tajaajila eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad warshaa Seeraamikaa Giraandiyur eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Qaama imala misooma Indaastirii fi sosochii Itiyoophiyaa haa oomishtuu kan ta’e warshaan Seeraamikaa Giraandiyur eebbifamuun tajaajila eegaleera jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Ijaarsi warshaalee faayidaa biyyaalessa olaanaa qabanii, Invastaroota idil addunyaa hawwachuun guutuu biyyattiitti cimee itti fufuu kan mirkaneessudha jedhan.

‎warshaan seeraamikaa Giraandiyur oomishaalee seeraamikaa ulaagaa idil addunyaa guutan kan dhiyeessu yoo ta’u, galteewwan meeshaalee dheedhii warshichaaf oolaan % 80 ol biyya keessaa kan dhiyaatan ta’uu ibsan.

Milkaa’inni kun dandeettii Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa fi ga’umsa kennaa ishee fayyadamuu ijaaruu qofa osoo hin taane, hirkattummaa oomishaalee biyya alaa galfaman jalaa bahuuf qabdu sadarkaa olaanaan guddisa jechuun ibsan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.