Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Fitsuum Daayrektera Olaanaa fi Ofiisar Muummee Garee Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Mariisiiftuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsuum Asaffaan, Daayrektera Olaanaa fi Ofiisara Muummee Garee Baankii Addunyaa Paaskaal Donohoo waliin mari’ataniiru.

Dooktar Fistuum Yaa’ii 31ffaa Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii waloo kana gaggeessaniiru.

Dhimmoota Qophii COP 32 fi tumsa qaamolee lamaan gidduu jiru cimsanirratti mari’ataniiru.

Dabalataan Konkolaattoota Ekeltirikaa, Faayinaansii qabeenya qilleensaa, raawwii fi deebii jijjiirama qabeenya qilleensaa, akkasuma dhimmoota gadi lakkifama Kaarbaniirratti mari’achuu isaanii ragaan fuula COP32 irraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.