Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa Siwiidiin waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 16, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa Siwiidiin Maariyaa Maalmar Isteenargaard waliin mari’ataniiru.

Ministiroonni kunneen marii Istookoolmitti gaggeessaniin dhimmoota Gaanfa Afrikaafi idil-addunyaa irratti mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos wayita kana biyyoonni lameen hariiroo seena qabeessa waggoottan lakkoofsise qabaachuu yaadachiisanii, michummaa isaanii ciimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Hariiroo daldalaafi invastimantii daran cimsuun barbaachisaa akka ta’e ibsuun, dhaabbileen Siwiidiin filmaatawwan invastimantii Itiyoophiyaa keessatti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Maariyaa Maalmar Isteenargaard gama isaaniin, biyyoonni lameen hariiroo cimaa qabaachuu eeruun, Siwiidiin tumsa dhimmoota gamlameefi gam-hedduu irratti Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.