Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Alaa Poorchugaal waliin mari’atan
Finfinnee, Ebla 6, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangaal waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, Dooktar Geediyoon biyyoonni lameen hariiroo seenaa qabeessaa fi waggoota dheeraa lakkoofsise qabaachuu eeruun, hariiroo dameewwan daldala, Invastimantii, tuurizimiin fi eegumsa naannoon jiran caalmaatti cimsuun barbaachiisaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Alaa Poorchugaal gamasaaniin, biyyoota lameen gidduu geejjibni qilleensaa eegaluun walitti hidhamiinsa diinagdee biyyootaa caalmaatti cimsuuf carraa uumaa jedhan.
Biyyoonni lameen waltajjii gamlamee siyaasaa gaggeessuu fi waltajjii hundagaleessaa irratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia