Itiyoophiyaa jabduu, indaastiriin badhaateefi of dandeesse ni ijaarra- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaa jabduu, indaastiriin badhaateefi of dandeesse ni ijaarra jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Eksipoo ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ bara kanaa irratti milkaa’ina mul’ata biyyaalessaa keenya arguun kabaja guddaadha jedhaniiru.
Hoggansi bu’aa irratti xiyyeeffachuu keenya haala kaanan dura hin baratamneen babal’ina indaastiriin calaqqisiifameeras jechuun ibsaniiru.
Dandeettii oomishtummaa indaastiriiwwan oomishaa %47 irraa gara %67’tti guddisuun waggoottan arfan darban keessa invastimantii biyya keessaafi alaa kuma 2 fi 800 ol hawwachuun akka danda’ame yaadachiisanii, baatiiwwan saglan darbanii bara baajataa kanattis oomishaalaa biyya keessatti oomishamaniin sharafa alaa Doolaara biiliyoona 4.85 baraaruun akka danda’ame eeraniiru.
Eksipoon kun oomishtootaafi Istaartaappota biyya keessaa walitti fiduus kaasaniiru.
Waloon dadammaqiinsa kana itti fufsiisuun dhaloota egereef Itiyoophiyaa jabduu, indaastiriin badhaateefi of dandeesse ni ijaarra jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia