Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Mummee Dooktar Abiy Ahimad:

“Daandii Nagaa Afrikaa: Birmaddummaa Diinagdee fi Jijjiirama Jiyoopoolitikaa” mata-duree jedhuun Fooramii Nageenyaa Olaanaa Xaanaa 12ffaa irratti argamee haasaa taasisuu kootti gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.

Mata-dureen waltajjichaa dhugaa dagachuu hin qabne tokko nu yaadachiisa. Murtoowwan daangaa keenyaan alatti murtaa’an lammiilee, carraalee diinagdee fi nageenya keenya irratti dhiibbaa qabu.

Rakkoo tasaa hunda to’achuu baannus, dandeettii dandamannnaa keenya garuu cimsachuu ni dandeenya.

Kunis Afrikaaf furmaatawwan haala biyya keessaa irratti hundaa’an qopheessuu, birmaddummaa diinagdee cimsachuu fi tumsa guddisuu jechuudha.

Afrikaan sirna addunyaa jijjiiramaa jirutti madaquu qofa osoo hin taane, sirna kana bocuu keessattis gahee qabaachuu qabdi.

Itiyoophiyaaf nageenyi waaraa dhimma dursaa fi baay’ee barbaachisaa ta’eedha.

Kunis lammiilee eeguu, sirna heera mootummaa kabajuu fi balbala marii banuu gaafata.

Kutannoo marii biyyaalessaaf qabnuun, namoota karaa nagaa filatan hunda simachuuf yeroo hunda qophaa’oo dha.

Falaasama Ida’amuun ciminootaa fi dandeettiiwwan keenya qindoominaan fayyadamuu, akkasumas dhugaa qabatamaa haala keenya irraa maddu irratti hundaa’uun furmaatawwan qopheessuu irratti xiyyeeffachuu akka qabnu nu hubachiisa. Addunyaa dhaloota dhufuuf dhaalchifnu bocuu keessatti gahee olaanaa bahachaa, Ardii dandamannaa cimaa qabdu, nagaa fi badhaadhina gonfatte ijaaruu ni dandeenya.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.