Ergaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad
Itiyoophiyaafi Mootummoota Gamtoomanii, seenaa waloo, tumsa ammaafi ce’aa nagaan waliin jiraachuuf!
Itiyoophiyaan imala waggoota 80 Mootummoota Gamtoomanii sababeeffachuun mata duree “Nagaan Waliin Jiraachuu” jedhuun Tembeeriiwwan yaadannoo addaa addaa baasteetti.
Teembeeriiwwan kunneen bara faranjootaa 1945 Saanfiraansiiskootti chaartara Mootummoota Gamtoomanii mallatteessuu irraa eegalee Koongootti humnoota nageenyaa hanga bobbaasuutti akkasumas walga’ii Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii yeroo jalqabaaf dachee Afrikaatti gaggeeffame hanga keessummeessuutti seenaa keenya waloo kan seenessanidha.
Tempeeriiwwan gama Gamtaa Poostaa Addunyaan biyyoota 192’f raabsaman kunneen waqtii tokkoof qofa osoo hin taane agarsiistuu ashaaraa seenaa dhalootaaf darbuuti.
Carraa Kanaan Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii kabajamoo Antooniyoo Guutareez fi gareen isaanii seenaa ammayyaa keessatti waqtii rakkisaa keessatti nageenya, misoomafi mirgoota namoomaa kabachiisuuf hoggansa cimaa bahachaa jiraniif dinqisiifannaa keenya ibsina.
Mootummoonni Gamtoomanii kan jabaate biyyoonni qoqqoodiinsarra marii waan filataniifi.
Itiyoophiyaanis filannoo ishee yeroo maraa kana ni cimsiti!.