Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Gamaaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa kurmaana 4ffaa bara 2018’fi qophii tarsiimoo jalqaba raawwii karoora bara 2019 guyyaa har’aa jalqabneerra. Yeroon kun gulantaa seenaa haaraa ce’umsa caasawaa kan itti eegalluudha.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, waggoota shanan dabran, galmoota qabsoo ummata Oromoo gulantaa ittaanutti ceesisan — dhaloota dorgomaa uumuu, ummata dinagdeen aangomsuufi sirna ummataawaa cimaa ijaaruu — qabatee xiiqii olaanaan socho’aa tureera.

Xumurri imala “Karoora Xiiqii” kun, bu’aa omishaa argame ykn safartuu guddinaa barame qofaan kan madaalamuu mit. Hudhaalee caasawaa furuu, dandeettii hoggansaa ijaaruufi dorgomtummaa cimsuu irratti yeroo bu’uura kaa’uu itti dandeenyedha.

Cichoomina agarsiifnefi aarsaa olaanaa kaffalleen har’a naannoo keenya bakka rimmixee turerraa sochoosuu qofa osoo hintaane, gufuulee ilaalchaa, dandeettii hoggansaafi raawwachiisummaa dhaabbilee gufachiisaa turan cabsuun, humna danda’aafi dammaqe ijaaruu keessa galleerra. Kun injifannoo keenya isa guddaadha.

Gamaaggamni baldhaan magaalaa Adaamatti gaggeessuu eegalle kun, ija madaallii kurmaana tokkoo ykn waggaa tokkoo qofaan kan ilaalamu miti; gama tokkoon qorannoo dandeettii dhaabbileefi modeelota omishaa keenya waggoottan darbaniiti.

Kanaaf, xiinxalli keenya qooddattoota ijoo shan irratti hundaa’ee gaggeeffama:

𝐓𝐨𝐤𝐤𝐨: Dhimmoonni milkaa’an maaliif milkaa’an? Kanneen harca’an, hanqina kamiin harca’an?

𝐋𝐚𝐦𝐚: Karoorri keenya dilbiifi carraalee qabnu waliin kan walgituu?

𝐒𝐚𝐝𝐢: Humnoota misoomaa sadan — humna waloo, humna mootummaa roga maraafi humna badhaadhina maatii — hagam itti fayyadamaa jirra?

𝐀𝐟𝐮𝐫: Hoggansi qusannaafi invastimantii irratti kenninu jijjiirama akkamii fidaa jira?

𝐒𝐡𝐚𝐧: Guduunfaa qooddatoota maraa kan ta’e, gaaffii hoggansaa hagam deebisaa jirra? Keessumaa hoggansa ce’umsa dinaagdee kennuufi itti quufinsa hambisuun xiyyeeffannoo barbaada.

Walumaagalatti, gamaaggamni kun hidhannoo raawwii ijaarsa dandeettii oomishtummaa bara “Karoora Of-danda’uu” waan ta’eef, ija galmoota qabsoo Oromoo milkeessuutiin akka ilaaltan amantaa guutuun qaba.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.