Falmii xumuraa Waancaa Addunyaa 23ffaa…
Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Taphni xumuraa Waancaa Addunyaa 23ffaa har’a Arjentiinaa fi Ispeen gidduutti taasifamu ni eegama.
Morkiin Shaampiyoonaa Addunyaa Arjentiinaa fi Shaampiyoonaa Awurooppaa Ispeen gidduutti har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Niiwuu Jeersiitti taasifamu hawwiin eegama.
Shaampiyoonaan yeroo 3 Arjentiinaan yeroo 4ffaaf shaampiyoonaa ta’uuf, shaampiyoonaan bara 2010 Ispeen ammoo 2ffaaf shaampiyoonaa ta’uuf waliin morkatu.
Shaampiyoonaan Waancaa Addunyaa 22ffaa Arjentiinaan walitti aansuun shaampiyoonaa ta’uuf falmatti.
Kana milkeessinaan seenaa waancaa addunyaa keessatti erga bara Faranjootaa 1962 biyya walitti aansuun shaampiyoonaa taate jedhamuun seenaa hojjetti.
Biraaziil bara Faranjootaa 1958 fi 1962 walitti aansuun shaampiyoonaa taatee turte.
Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi dabalatee namoonni bebbeekkamoon hedduun tapha kana Istaadiyeemitti argamuun kallattiin tapha kana ni daawwatuun eegama.
Waancaan Addunyaa 23ffaan yeroo jalqabaaf biyyoonni 3 waloon qopheessan biyyoota 48 hirmaachisuun guyyoota 38’n darbaniif magaalota 16 keessatti taphatamaa ture har’a xumura argata.
Tapha sadarkaa halkan edaa taphatameen Ingilaandi Faransaay injifachuun sadarkaa 3ffaan xumuruun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia