Fana: At a Speed of Life!

Faransaay filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsite

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Mootummaan Faransaay filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Mootummaan biyyattii ergaa isaan miseensota haaraa Paarlaamaa filataman, aanga’oota mootummaa Itiyoophiyaa akkasumas qaamolee qooda fudhattootaa adeemsicha keessatti hirmaatan, paartilee siyaasaafi waldaalee siiviilii dinqisiifateera.

Uummata Itiyoophiyaa dammaqinaan hirmaachuun filannicha milkeesseef ergaa baga gammaddanii dabarsuu Itiyoophiyaatti ragaan Embaasii Faransaay irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.