Fedhiin Keenya Itiyoophiyaa Giddu-gala Manufaakchiriingii taasisuudha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Eebila 7, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fedhiin mootummaa Itiyoophiyaa giddu-gala manufaakchiriingii taasisuu dha jedhan.
Dooktar Abiy turtii EBC waliin mata-duree “Onnee birmadummaa” irratti taasisan keessatti, faayidaa dinagdeef paarkiiwwan indaastirii guddisuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dagaagina paarkiiwwan indaastiriitiin alatti, biyyattiin giddugala manufaakcheriingii akka taatuuf dhimmoota murteessoo ta’an kanneen akka loojistiksii, anniisaa qulqulluu fi haaromfamuu danda’u, akkasumas diimoogiraafii irratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Loojistiiksii irratti ammas xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsuun, akka fakkeenyaatti piroojektii ijaarsa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu kaasaniiru.
Buufanni xiyyaaraa ijaaramu kun Afrikaatti isa guddaa fi giddugala geejjiba qilleensaa Afrikaa akka ta’us dubbataniiru.
Inveestimentiin kun salphaa ta’uu baatus, karaa hedduun carraa waan qabnuuf ijaarsi isaa geejjibni qilleensaa Afrikaa keessatti akka cimee itti fufu taasisa jedhaniiru.
Anniisaa qulqulluu fi haaromfamuu danda’u ilaalchisee, Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Koyishaa, Soolaarrii, anniisaa niwukileeraa fi kanneen biroo irratti hojiin jalqabame dorgommiif baay’ee bu’a-qabeessa akka ta’e ibsaniiru.
Gama Diimoogiraafiin Itiyoophiyaan biyya dargaggoota hedduu qabdu ta’uun ishee carraa guddaa akka ta’e eeraniiru.
Hojii kooderoota miliyoona shaniin hojjetameen, dargaggoonni hedduun ogummaa Koodingii fi hubannoo namtolchee waliin akka wal-baran taasifamaa jira jedhan.
Dargaggoonni teeknooloojii hubatan yoo uumaman biyyattiin giddu-gala maanuufaakchiriingii akka taatuuf carraa guddaa ta’uu kaasaniiru.
Mootummaan deeggarsa damee dhuunfaatiif taasisu ilaalchisees, tarsiimoon maallaqaa Boondii jedhamuun hidhanii tursiisuu fi liqiin harka caalu gara mootummaatti akka hingalle galchuun dameen dhuunfaa akka dammaqu taasiseera jedhan.
xiyyeeffannoon mootummaa oomishaalee tarsiima’oo kanneen akka Soolaarrii, oomisha qorichaa, Keemikaalaa, Elektirooniksii, Konkolaattota elektirikaa fi Eeroospeesii irratti akka ta’es dubbataniiru.
Abiy Geetaahuuniin
#Oromia #Ethiopia