Filannichi diimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ture – Federeeshinicha
Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaan dheengadda gaggeessite diimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ture jedhe Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa.
Federeeshinichi adeemsa Kenniinsa Sagalee Filannoo Waliigalaa 7ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Dargaggootni Itiyoophiyaa adeemsa kenniinsa Sagalee taajjabaan turuu fi adeemsichis diimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’uu Bakka Bu’aan Pireezidaantii Federeeshinichaa Aleeksaandar Nuguseen ibsaniiru.
Ummanni obsaan karaa tasgabbiifi amanamummaa qabuun sagaleesaa kennee xumuruu taajjabbii taasisaniin mirkaneessuu dubbatan.
Filannoo barumsa guddaa fi bu’a qabeessa tahee darbeedha jedhan.
Dargaggoonni filannoo kana keessatti kallattii maraan hirmaachaa turuu kaasan.
Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa dargaggoota kuma 32 ol taajjabdummaan hirmaachisuu eeran.
Akkasuma dargaggoota kuma 2 fi 500 ammoo qindeessummaan hirmaachuu ibsan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan karaa diimookiraatawaa, nagaafi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuu qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia