Filannichi hunda kan hammatee akka ta’uuf hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru – Boordii Filannoo Biyyaalessaa
Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan hunda kan hammatee akka ta’uuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamaniiru jedhan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu.
Boordichi haalawwan filattootni buufataalee filannoo addaa hundeeffaman keessatti galmaa’an guyyaa filannoo sagalee itti kennan ilaalchisee paartilee siyaasaa waliin mari’ateera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampiiwwan waraanaaf, akkasumas barattoota dhaabbilee barnoota olaanoof buufataalee filannoo addaa hundeessuun filannoo karaa weebsaayitii gaggeessuun ni yaadatama.
Akka isaan jedhanitti, boordichi bakkeewwan eeraman kanneen keessatti adeemsi sagalee kennuu akkamitti akka gaggeeffamu qorannoo fi qophii bal’aa gaggeessaa tureera.
Buqqaatonni kaampii isaanii keessatti, barattoonni marsariitiin galmaa’an ammoo naannoo isaanii deemanii akka sagalee kennaniif loojistiikiin barbaachisu qophaa’ee xumuramuu ibsaniiru.
Karaa filmaata marsariitii galmee barattootaa geggeeffameen kanneen barattoota hintaane akka hingalmoofneefis hojiin mirkaneessuu hojjetamuusaa ibsaniiru.
Loltoonni akkaataa amalaa fi nageenya kaampii lotummaan kaampiima keessa jiran keessatti sagalee isaanii akka kennan dubbachuu isaanii Boordichi beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia