Fana: At a Speed of Life!

Filannichi Itiyoophiyaatti aangoo mootummaa argachuuf filannoon alatti karaan biraa akka hinjirre agarsiiseera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adooleessa 25, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad filannoon waliigalaa 7ffaan Itoophiyaa keessatti aangoo mootummaa argachuuf filannoon alatti karaan biraa akka hinjirre ifatti agarsiiseera jedhan.

Dooktar Abiy Ahimad Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMICO) waliin dhimma siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa yeroo ammaa irratti gaaffii fi deebii geggeessaniiru.

Turtii isaanii keessatti filannoon waliigalaa 7ffaan aangoon karaa nagaa fi fedhii uummataatiin qofa ce’uu akka qabu humnoota hunda gama barsiisuutiin hiika seenaa guddaa qaba jedhaniiru.

Adeemsa filannoo kana keessatti lammiileen miiliyoona 54 ol ta’an buufataalee filannoo kuma 50 ol irratti hiriiranii sagalee kennuun, biyyattiin karaa dimokiraatawaatiin qofa akka bulu uummanni kutannoo cimaa qabaachuu mul’iseera jedhan.

Lammiileen sagalee rasaasaa, qorra fi rooba osoo hin sodaatin aarsaa kaffalanii filachuuf ba’uun, adeemsa mootummaa ijaaruu keessatti odeeffannoo sobaa fi yaada mootummaa humnaan qabachuuf ka’an fudhachuuf qophii akka hintaane mirkaneessaniiru jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, uummanni mootummaa seera qabeessa ta’e qabaachuun faayidaa guddaa akka qabu sirriitti hubateera; yeroo filannoo dimokiraatawaatti amanu immoo kaayyoo isaa irraa isa deebisuu kan danda’u eenyullee akka hinjirre hojii isaatiin agarsiiseera jedhaniiru.

Adeemsi filannoo kun warra filatamaniif akeekkachiisa guddaa kan kenne ta’uu himanii, filannoo guddaa akkanaa nagaan jalqabanii nagaan xumuruun salphaa akka hintaane ibsan.

Adeemsi kun garuu dhaabbilee biyyattii fi nageenya ishee akka qorannu nu taasiseera jedhaniiru.

Uummanni Itiyoophiyaa amantii isaa mootummaaf kennuuf yeroo murteesse sagaleen rasaasaa isa hin dhaabne; akkuma fedhii isaatiin mootummaa filatu, yeroo mootummaa irraa amanannaa dhabuus homtuu isa dhaabuu akka hin dandeenye ifatti ibseera jedhaniiru.

Uummanni karaa nagaa sagalee isaa kennuun, humnaan aangoo qabachuuf yaalii taasifamu guutummaatti mormuuf, mootummaa keessatti fiinxalessummaan, jibbiinsi fi seenessi qoqqoodinsaa biyya keessatti iddoo akka hinqabne mirkaneessuuf, akkasumas malaammaltummaan akka dhaabbatuu fi qaamolee aangoon teessuma ofii ittiin eegsifachuuf qofa fayyadaman akka sakatta’aman yaadachiisuuf ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis uummanni mootummaa kanaaf eeyyama kan kenne keessa ofii qulqulleessuun, mootummaa biyyaalessaa cimsuun dhaloota itti aanuuf biyya fooyya’aa dabarsa jedhee amanachuun deeggarsa kenneera jedhan.

kanaafis yeroo itti aanutti damee hundaan hojii fi bu’aa guddaan akka eegamu hubachiisaniiru.

Soosinnaa Alamayyootiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.