Filannichi milkaa’inaan gaggeeffamuun kutannoo Itiyoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiif qabdu agarsiisa- IGAD
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan gaggeeffamuun kutannoo Itiyoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiif qabdu agarsiisa jedhe Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Gaanfa Afrikaa (IGAD).
Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon filannichi milkaa’inaan gaggeeffamuu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi paartiin isaanii Paartiin Badhaadhinaa filannichaan sagalee olaanaa argachuun waan injifataniif baga gammaddan jedhaniiru.
Ga’umsa ogummaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa filannoo kanarratti argisiiseef IGAD beekamtii kan kennu ta’uu kaasanii, hirmaannaa ho’aa Itiyoophiyaanonni taasisan filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.
Kunis kutannoo Itiyoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiifi sirna heera mootummaaf qabdu kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.
Filannichi milkaa’inaan xumuramuun tattaaffii Itiyoophiyaan tokkummaa biyyaalessaa fi marii hunda hammataa ta’e cimsuuf akkasumas nageenyaafi misooma waaraa itti fufsiisuuf taasiftu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
IGAD mootummaa Itiyoophiyaa waliin hariiroofi tumsa naannawaa akkasumas tumsa damee nageenyaaf tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia