Filannoo hirmaachisaa fi hammataa ta’e ilaalleerra – Uhuuruu Keeniyaataa
Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) — Filannoon Biyyaalessaa 7ffaa Itiyoophiyaa hirmaannaan paartilee siyaasaa hedduu kan itti argame, kan hunda hammate fi hirmaachisaa akka ture Pireezidantiin duraanii Keeniyaa fi Hoogganaan Gurmuu Taajjabdoota Gamtaa Afrikaa Uhuuruu Keeniyaataa bsaniiru.
Taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa sochiiwwan filannoo duraa fi qophiiwwan jiran irratti dhiheenyaan hordofaa turuu isaanii ibsan.
Gurmuun kun erga hojiitti seenee boodas, adeemsa kenninsa sagaleefi haalota waliigalaa ilaalchisee ittigaafatamtoota Boordii Filannoo, dhaabbilee mootummaa, miseensota paartilee dorgomtootaa, dhaabbilee hawaasa siivilii fi miseensota dippilomaasii adda addaa waliin marii bal’aa geggeessuu himan.
Mootummaan Itiyoophiyaa filannicha tekinoolojii dijitaalaatiin deggeruuf galmee dijitaalaa hojiirra oolchuu isaa gurmuun kun dinqisiifachuu ibsa isaaniin kaasaniiru.
Kanaanis filannoowwan darban irraa lammiilee hdduu hirmaachisun adda akka ta’us eeraniiru.
Guyyaa kenniinsa sagalee raawwachiistonni filannoo filattoota sirnaan qindeessuu isaanii fi kutaaleen nageenyaas loogii malee, bilisummaa fi nagaa eegsisuudhaan adeemsicha akka raawwachiisan hubatamuu kaasaniiru.
Lammiileen tarree dheeraa hiriiruun obsaan sagalee akka kennan fi mudannichas miidiyaaleen biyya keessaa fi idil-addunyaa bal’inaan gabaasaa akka turan ibsaniiru.
“Gamtaan Afrikaa adeemsi kun ijaarsa sirna dimookiraasii ta’uu isaa ni hubata; filannoon kunis Itiyoophiyaa keessatti sirna dimookiraasii ijaaruuf bu’uura kan kaa’udha.” jedhan ibsa isaanii kanaan.
Mootummaan Itiyoophiyaa filannichi hunda kan hammate fi hirmaachisaa akka ta’uuf hojii hojjete dinqisiifachuun, biyyattii keessatti heddummina mirkaneessuufi carraa hirmaannaa siyaasaa qixxee gabbisuuf carraaqqiin dabalataa akka barbaachisu kaasaniiru.
Gamtaan Afrikaas ijaarsa sirna dimookiraasii Itiyoophiyaa keessatti uumamamuuf deggersaa fi gorsa isaa cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Mikiyaas Ayyalaatiin