Filannoo Waliigalaa 7ffaan dubartoonni mirga diimokiraasii isaaniitti fayyadamuun dammaqinaan hirmaataniiru- Waldicha
Finfinnee, Caamsaa 30, 2018 (FMC) – Filannoo Waliigalaa 7ffaan dubartoonni mirga diimokiraasii isaaniitti fayyadamuun dammaqinaan hirmaataniiru jedhan Pirezidaantiin Waldaa Dubartootaa Magaalaa Finfinnee Innaataalam Indaaleen.
Filannichi bilisaafi haqa qabeessa ta’uus kaasaniiru.
Filannoon ibsituu diimokiraasii lammiileen mirga isaaniitti fayyadamuun paartii nuuf hojjeta jedhanii amanan kan itti filatan ta’uus eeraniiru.
Ijaarsa biyyaaf hirmaannaan hawaasa hundaa murteessaa ta’uu kaasanii, Filannoon Waliigalaa 7ffaan dirree siyaasaa hirmaannaa ho’aan dubartootaa itti mirkanaa’edha jedhan.
Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa eeyyama fudhachuun dubartoonni mirga diimokiraasii isaaniitti fayyadamuun filannicha irratti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu dubbataniiru.
Miseensota kuma 2 ol leenjisuun taajjabdoonni filannoo bobba’uu eeruun, lammiilee hedduun kaardii filannoo fudhachuun sagalee kennuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Lammiileen gidduu seentummaa tokko malee karaa nagaafi haqa qabeessa akkasumas dimookiraatawaa ta’een sagalee isaanii kennuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia