Fana: At a Speed of Life!

Filannoon bara kanaa qaamolee hundaaf barnoota olaanaa kan kenneedha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee,Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaataa 2019 ilaalchisee gaaffii fi yaada misseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad miseensotaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggoottan darban ummata tajaajilaa turan galateeffataniiru.

Yaadaa fi gaaffii filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee ka’aniif daabii kennaniin, Filannoon bara kanaa qaama kamiifiyyuu barnoota olaanaa kan kenneedha jedhan.

Kunsi Ejjennoo fi amantaa ummataa addatti kan mul’isedha.

Itiyoophiyaanoonni sodaachisoo fi dhorkaa ture hunda cabsuun fedhii diimokiraasii fi ijaarsa biyyaaf qaban qabatamaan kan itti mul’isaniidha jedhan ibsa isaaniin.

Ummanni imaanaa cimaa nutti kenne jedhan.

Filannoon baranaan ummanni Itiyoophiyaa finxaaleyyii fi baandoota hin barbaannu, waliin taane biyya cichoomsina, badhaadhina barbaanna sagalee jedhu tokkummaan dhageessisuu kaasan.

Ummata Itiyoophiyaa rakkoolee turan hunda injifachuun hirmaannaa addaan jaalala biyyaaf qaban agarsiisann galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.