Filannoon Biyyaalessaa 7ffaan Milkaa’inaan akka xumuramuuf Humni Waloo Nageenyaa hojii isaa cimsee itti fufa – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Finfinnee, Caamsaa 22, 2018 (FMC)- Filannoon Biyyaalessaa 7ffaan Milkaa’inaan akka xumuramuuf Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii hojiilee hojjetaa jiru cimsee itti fufa jedhan Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Marshaal Birhaanuu Juulaan.
Qophii haalduree Poolisii Federaalaa milkaa’ina filannoo Biyyaalessaaf, hidhannoo fi teeknooloojiin taasisee ilaalchiise Humni Walichaa ibsa kenneera.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita kana haasawa taasisaniin, Qophiin Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii taasise cimaa ta’uu dubbataniiru.
Qaamooleen filannicha guffachiisuuf socho’an yaaliiwwan garaagaraa taasisaa jiraataniis, Raayyaan Ittisa biyyaa Humna Waloo Nageenyaa biroo waliin ta’uun karooraa isaanii fashaleessaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabra Mikaa’eel gamsaaniin, Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii sadarkaa biyyaaleessaatti hundaa’e Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin odeeffannoo wal jijjiiruu fi ummataa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan hojiilee filannoon duraa adeemsa galmee Kaardii filattootaa, Raawwachiiftoota Filannoo fi raabsaa galteewwan filannoo karaa milkaa’ina qabuun xumuramuu kaasaniiru.
Adeemsi filannoo hafe kara milkii ta’een akka xumuramuuf hidhannoo fi Loojiistiksii barbaachiisaa ta’e guuttachuun akkasumas leenjiin ergamicha raawwachuuf dandeessisu kennamuun bobbiin eegalamuu ibsaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan karaa milkaa’ina qabuun akka xumuramuuf hojiin nageenyaaf tasgabbii eegsisuu teeknooloojiin deeggarame cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia