Fana: At a Speed of Life!

Filannoon mariisistoota Yaa’ii marii biyyaalessaa xumuramaa jira- Komishinicha

Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon namoota Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti mariisisanii xumuramaa jira jedhe.

Komishinichi ulaagaalee garaagaraa fayyadamuun filannoo mariisistootaa gaggeessaa tureera.

Mariisistoota ulaagaalee kaa’aman guutuun adda bahaniif Ebla 19,2018 irraa eegalee leenjii hubannoo uumuu kennuuf qophiin taasifamuu ragaan Komishinicha irraa argame ni mul’isa.

Leenjichi maricha gahumsaan, amanamummaa fi loogii malee akka hoggananiif kan dandeessisu ta’uus ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.