Filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuu isaan Itiyoophiyaanonni boonuu qabdu- Uhuuruu Keeniyaataa
Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Filannoon Waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuu isaan Itiyoophiyaanonni boonuu qabdu jedhan Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan.
Garee taajabdootaa filannoo Gamtaa Afrikaa kan dursan Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan garee taajjabdootaa IGAD waliin ta’uun gabaasa jalqabaa filannoo guyyaa kaleessaa dhiyeessaniiru.
Wayita kana filannichi milkaa’inaan xumuramuu isaatiin Itiyoophiyaanonni boonuu akka qaban ibsuun, uummanni Itiyoophiyaa seenaa cululuqaa kana bara baraan yaadachuu qaba jedhan.
Itiyoophiyaanonni tokkummaan danbalii weeraraa dandamachuun biyya birmadummaan ishee kabajame ijaaruus yaadachiisaniiru.
Itiyoophiyaan bilisummaa Afrikaafi mirga ofiin ofbulchuuf qabsaa’uu yaadachiisanii, kunis wiirtuu Afrikaa akka taatu ishee dandeessiseera jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia