Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee magaalaa jiraattotaaf jireenya fooyya’aa uumtu ni taasifna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019(FMC)- Finfinnee magaalaa jiraattota isheef jireenya fooyya’aa uumtu ni taasifna jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.
 
Misoomni qarqara lagaa Qacanee- Ambaasaaddar- Giyoon- Irreechaa- Baambis guyyaa har’aa Ministira Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banameera.
 
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, misoomni guddaan kun miidhagina Finfinnee, qulqullina jireenyaa jiraattotaa, iddoo gahumsa tuurizimii fi sosochii diinagdee magaalichaa kan guddisu ta’uu eeraniiru.
 
Qarqarri lageenii faalama keessaa baasuun, misooma magariisaa, bashannana, Ispoortii, daldalafi walitti hidhamiinsa hawaasaaf iddoo mijataa uumaa jiraachuus kaasaniiru.
 
Hojiin kun qabiyyee uumamaa laggeenii deebisuurra darbee magaalaa mijataa, miidhagduu taasisaa jiraachuus hubachiisaniiru.
 
Kaayyoo ijoon misoomichaa jiraattotaaf naannaoo fayya-qabeessa, filmaatawwan bashannanaafi carraalee diinagdee uumuu ta’uu ibsaniiru.
 
Qabeenyi waloo kun qulqullinni isaa akka eegamuufi bu’uuraaleen misoomaa ijaaraman haalaan tajaajila akka kennaniif hundi qooda isaa akka bahatu dhaamaniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.