Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee miidhagina ishee qabatamaan mirkaneessaa jirtu…

Miidhaginni Finfinnee guyya guyyaan dabalaa dhufeera.

Magaalattiin ijaarsa bu’uuraalee seenaa ishee keessatti argitee hin beekneen, miidhagaafi ce’umsa ammayyaa keessatti argamti.

Misoomni kooriidarii magaalattiitti hojjetame daandiiwwan dhidhiphoo fi mijatoo hin turre gara daandiiwwan babal’aa, qulqulluufi ammayyaatti jijjiireera.

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa magaalattii dargaggoota kumaatamaaf carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuu keessatti qooda olaanaa bahateera.

Daandiiwwan imaltoota lafoo dhedheeroon, iddoowwan magariisaafi daandiiwwan biskileetiis ijaaramaniiru.

Ibsaawwan daandiirraa ammayyaa, gabateewwan beeksisaa diijitaalaafi kaameeraawwan nageenyaa Finfinnee daran miidhagsaniiru, magaalaa nageenyummaan ishee eegames taasisaniiru.

Magaalattiin wiirtuu embaasiiwwan biyyoota hedduufi dhaabbilee idil addunyaa waan taateef Niwuyoork fi Jeeneevaatti aantee magaalaa dippiloomaasii addunyaa ta’uu dandeesseetti.

Magaalattiin giddugaloota konfiransii idil-addunyaa ammayyaa fi hoteelota sadarkaa isaanii eeggatan hedduu ijaaraa jirti.

Hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan, gamoowwan dhedheeroon fi qe’eewwan jireenyaa ammayyaan miidhagina magaalattii dabalaa jiru.

Piroojektoonni misoomaa kooriidariifi qarqara laggeenii, paarkiiwwan magariisaa, fi hoteelonni abbaa urjii shanii babal’achuun magaalattii keessummoota biyyoota alaaf hawwattuufi mijattuu godhaniiru.

Paarkiiwwan akka Tokkummaa, Inxooxxoo, Michummaafi Godambaan Saayinsii magaalattii fakkeenya misooma magariisaa ishee taasisaniiru.

Bakkeewwan kunneen daawwattoota biyya keessaafi alaaf iddoo bashannanaa filatamaa ta’aniiru.

Finfinneen magaalota Baha Afrikaarra sosochiin guddina diinagdee saffisiisaan keessatti mul’atu keessaa tokko waan taateef abbootii qabeenyaaf iddoo gahumsaa filatamaa taateetti.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Finfinnee magaalota addunyaa 130 ol waliin kallattiin walquunnamsiisuun imaltoonniifi hirmaattonni walga’ii dhamaatii tokko malee magaalattii akka daawwatan gochaa jira.

Guddinni kun magaalattiin waggaa keessatti eksipoowwan daldalaa, yaa’iiwwan saayinsiifi walga’iiwwan siyaasaa hirmaattonni idil-addunyaa kumaatamaan irratti hirmaatan akka keessummeessitu ishee dandeessiseera.

Bu’uurri dippiloomaasii cimaan kun magaalattiin sadarkaa idil-addunyaatti akka beekamtu, fi hoggantoota addunyaa hedduu akka keessummeessituuf balbala baneefiira.

Yeroo ammaa kana Finfinneen gahee dippiloomaasii ishee gara konfiransiiwwan daldalaa, saayinsii, aadaafi tuurizimiitti guddisaa jirti.

Ce’umsi kun galii tuurizimii biyyattii kan guddisu qofa osoo hin taane dorgomtummaa Itiyoophiyaan waltajjiiwwan addunyaa irratti qabdu kan guddisudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.