Fooyya’iinsa oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddise…
Mootummaan Ida’amuu diinagdee biyyattii bu’uurarraa jijjiiruun guddinaafi badhaadhina mirkaneessuuf fooyya’iinsa diinagdee gooroo taasise.
Fooyya’iinsi diinagdee irratti taasifame kun dameewwan diinagdee garaagaraa keessatti milkaa’ina olaanaa argamsiisaa jira.
Keessumaa fooyya’iinsa kana hordofee hojiin bu’aa qabeessummaa damee qonnaa mirkaneessuuf hojjetame fakkeenya guddaa kan ta’udha.
Fooyya’iinsi kun oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf bu’uura cimaa uumeera.
Keessumaa inisheetiiviiwwan garaagaraa bocuun oomishaalee garaagaraa fedhii biyya keessaafi gabaa alaaf dhiyaatan qulqullinaafi baay’inaan misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa tureera; hojjetamaas jira.
Oomishaalee akka qamadii, bunaa, ruuzii, muduraafi kuduraa fi kanneen biroo biyyattiif sharafa alaa argamsiisan irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, oomishaaleen kunneen diinagdee biyyattii utubuu keessatti shoora olaanaa bahachaa warreen jiranidha.
Keessumaa hojiin misooma qamadii irratti hojjetame milkaa’ina qonna biyyattiif agarsiistuu guddaadha.
Jijjiiramaan dura Itiyoophiyaan biyya qamadii alarraa galchitu turte. yeroo ammaa kana garuu bonaa ganna misoomsuun bu’aa dinqisiisaa galmeessaa jirti.
Oomishni kunis birmadummaa nyaataa biyyattii mirkaneessuu dabalataan sharafa alaa bittaa qamadiif bahaa ture baraaruu danda’eera.
Damee qonnaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf sanyiiwwan hongee, dhukkubaafi ilbiisota dandamatan baay’isuun fi qonnaan bultootaan gahuun hanga oomishaa sadarkaa olaanaan guddisuun danda’ameera.
Wayita oomishaafi oomishtummaan guddatu galii qonnaan bultootaa dabaluun jiruufi jireenya isaanii fooyyessa.
Oomishaaleen maaddii guutuun oomishamanis diinagdee qonnaan bultootaa utubuu keessatti qoodni bahachaa jiran kan akka laayyootti ilaalaman miti.
Walumaagalatti foyyessii diinagdee gooroo hordofee hojiileen damee qonnaan hojjetaman wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, oomishaafi oomishtummaa guddisuu, qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu, baasii sharafa alaa baraaruu, galii qonnaan bultootaa akkasumas biyyattii guddisuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.
Ayyaanaa Dheeressaan.