Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsi damee barnootaa bu’aa qabatamaa galmeessaa jira

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaa keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota biyyattii bakka bu’uufi gahumsa qabu horachuuf tarkaanfiiwwan fooyya’iinsaa damee barnootaa jalqabaman bu’aa qabatamaa galmeessaa jiru jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa.
 
Piroofeesar Birhaanuun akka jedhanitti, bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyeessuuf sochiin “Barnoota Dhalootaaf” jalqabamee fi fooyya’insi sirna barnootaa taasifame bu’aawwan jajjabeessoo galmeessisaniiru.
 
Kaayyoon ijoo fooyya’iinsichaa, sadarkaa barnoota daa’immanii, kutaa 1ffaa fi 2ffaa irraa eegalee dhaloota ofitti amanamummaa qabu ijaaruu ta’uu ibsaniiru.
 
Bu’aan fooyya’iinsichaa adeemsa keessa mul’achaa jiraachuu eeruun, hojiiwwan hojjetamaniin qulqullinni barnootaa fooyya’aa jiraachuu fi barattoonni gahumsa sirrii qaban gara yunivarsiitii seenaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Kanaanis, fooyya’iinsi damee barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti taasifame bu’aa barattootaa fi qulqullina barnootaa waliigalaa yeroo gara yerootti fooyyeessaa dhufuu Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.
 
Itti fufuunis, barattoonni bu’aa kana caalu akka galmeessisaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti barnoota idilee cinaatti hojimaatni barnooti teeknikaa fi ogummaa dabalataan akka kennaman taasisu diriirfamuus kaasaniiru.
 
Sirni barnootaa qindaa’aan kun cimee yoo itti fufe, dhaloota bu’uura cimaa irratti dhaabbatee boru biyya gahumsaan baachuu danda’u horachuuf kan dandeessisu ta’uu amanameera jedhan.
 
Waggoota sadan darban keessatti, sochii “Barnooti Dhalootaaf” jedhuun  hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu irraa qabeenyi baay’een maallaqaa fi meeshaalee adda addaatiin walitti qabamuuibsuu isaanii TOI (Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa) gabaaseera.
 
Sochiin kun qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii mootummaa qofa osoo hin taane, tarkaanfii guddaa hirmaannaa hawaasaa fi maatiiwwanii  mul’ise ta’uu ibsaniiru.’
 
Kana keessatti, manneen barnootaa haaraa gara kuma 17tti dhiyaatan ijaaramuu fi manneen barnootaa kuma 30 ol ta’anis haaromsiifamanii bara baajetaa 2019f qophaa’uu isaanii eeraniiru.
 
Akkasumas, kutaan barnootaa dabalataa ijaaramuun dhiphina barattootaa mana barnootaa keessatti mul’atu hir’isuun danda’ameera jedhan.
 
Sadarkaa manneen barnootaa eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman itti fufiinsaan cimanii akka itti fufanis eeranii, maatiin barnoota daa’immanii irratti kaka’umsa fi hordoffii qaban cimsuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
 
 #Oromia #Oromia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.