Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessi diinagdee qaala’iinsa gatii to’achuuf gumaacha olaanaa bahate – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018 (FMC) – Fooyyessiin diinagdee Gooroo taasifame qaala’iinsa gatii to’achuu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.

Ministeerri Maallaqaa fi dhaabbileen waamamtootaa raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 irratti mari’ataniiru.

Raawwiin hojii fooyyessii diinagdee gooroo bara 2018 keessa raawwatame daran bu’aa qabeessa ture jedhan obbo Ahimad Shiideen waltajjicharratti ergaa dabarsaniin.

Raawwichi qaala’iinsa gatii to’achuu, galii biyya keessaa guddisuu fi michoota misoomaa waliin tumsa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa bahachuu himan.

Kana malees, akkaataa waliigaltee siiqumsa liqiin dhaabbilee liqeessitoota idil addunyaa waliin taasifameen, kaffaltiin liqii eegalamuu fi bu’aa gaariin galmaa’uu eeran.

Bara 2019 keessas fooyyessi diinagdee gooroo eegalame caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu kaasuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.