Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessiin diinagdee mandhalee ajandaalee misoomaa Itiyoophiyaa waliin kan walsimanidha- Dooktar Iyyoob Takkaalliny

Finfinnee, Ebla 7, 2018( FMC)- Fooyyessiin diinagdee mandhalee ajandaalee misoomaa Itiyoophiyaa waliin kan walsimanidha jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny.

Dooktar Iyyoob Takkaalliny walga’ii waggaa bara 2026 Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamaa jiru cinaatti waltajjii ijaarsa dandeettii gaggeeffame irratti fooyyessiiwwan damee faayinaansiin Itiyoophiyaatti gaggeeffaman irratti ibsa kennaniiru.

Bu’uura labsii haaraa Baankii Biyyaalessaan hojiirra kanneen oolan tilmaama dhalaa, hammattoo imaammata maallaqaa, tilmaama sharafa alaa gabaan durfamu fi sirna to’annoo faayinaansii waliigalaa irratti ibsa kennan.

Fooyyessiiwwan diinagdee mandhalee dandeettii ofii fi deeggarsa teekinikan kan bocaman ta’uu eeranii, fooyyessiiwwan kunneen ajandaalee misoomaa Itiyoophiyaan dursa kennituuf waliin kan walsiman ta’uu ibsaniiru.

Gabaa faayinaansii biyya keessaa cimsuun fi damee faayinaansii invastimantii alaaf banaa gochuun dhimmoota fooyyessii diinagdeen hojiirra oolan ta’uus kaasaniiru.

Fooyyessii diinagdee adeemsarra jiru cimsuuf sirna faayinaansii dandeettii dhaabbatummaa amansiisaa uumu, imaammata diinagdee walitti fufiinsa qabuufi diinagdee damee dhuunfaan durfamu cimsu ijaaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisuu isaanii Baankiin Biyyaalessaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.