Fana: At a Speed of Life!

Gaachana Jabaa Birmaddummaa Biyyaa…

Finfinnee, Adooleessa 18, 2018 (FMC) – Birmaddummaa fi kabajni biyya tokkoo cimina daangaa fi nageenya uummataan madaalama.

Nageenyaa fi kabaja kana eegsisuu keessatti dhaabbanni cimaa, halkanii guyyaa lubbuu isaa osoo hin qusatin kutannoodhaan tajaajilu, qormaata seenaa hedduu keessa darbuun cimee dhaabbate barbaachisaadha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaas calaqqee dhugaa kanaati.

Dhaabbatichi gaachana jabaa birmaddummaa biyyaa seenaa loltummaa dheeraa fi ashaaraa gootummaa saayinsii waraanaa ammayyaa fi guddina teeknooloojii waliin qindeessuun tajaajilaa jiruu dha.

Raayyaan jabaa kun kan garee yookaan qaama tokkoo qofa osoo hin taane, heera mootummaa garaagarummaa Itoophiyaa calaqqisiisu jalatti tokkummaa uummattoota Itoophiyaa kan agarsiisu, raayyaa uummata irraa ijaarameedha.

Sirni ajaja raayyichaa seeraa fi naamusa waraanaatiin kan hundaa’e yoo ta’u, ciminni isaas gurmaa’insa qindaa’aa kutaawwan isaa irraa madda.

Humni lafoo isaa humna namaa bal’aa qabu kallattiiwwan garaagaraa biyyattii jechuun Bahaa, Dhihaa, Kaabaa, Kibbaa fi Giddugaleessaatti qoodamuun daangaa biyyattii amanamummaadhaan eega.

Qilleensa keessatti ammoo Humni Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota waraanaa ammayyaa fi helekoopterootaan deeggaramee eegduu qilleensa biyyattii ta’ee dhaabbatee jira. Yeroo malli waraanaa jijjiiramus waliin jijjiirama.

Dhugaa kana hubachuun Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hojiiwwan riifoormii bal’aa yeroo dhihoo as geggeesseen teeknooloojii ammayyaatiin ofi haaromseera.

Kana malees, yeroo ammaa haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf dandeettii isaa cimsuun hojjechaa jira.

Indaastiriiwwan Injiinariingii Ittisaa biyya keessaa jiranis meeshaalee waraanaa, rasaasa fi konkolaattota waraanaa oomishuu fi suphuun raayyichi of danda’ee akka hojjetu taasisaa jiru.

Mootummaan Ida’amuu keessumaa mala waraanaa ammayyaa hubatee humna namaa leenji’e qopheessuu fi xiyyaarota nama-maleessa(Drone), akkasumas xiyyaarota waraanaa biroo hidhachiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Kanaafis Indaastirii Eeroonootiksii “Sky Win” kan diroonota tajaajila siivilii fi waraanaaf oolan oomishu fakkeenya gaarii dha.

Raayyaan ittisaa sochii diinaa battalumatti hordofuuf, qorannoo gaggeessuuf fi deebii saffisaa kennuuf teeknooloojiiwwan waraanaa garaagaraatiin of hidhachiisaa jira.

Yoo biyyatti irratti haleellaan aggaamame, yeroo gabaabaa keessatti qolachuu, miidhaa xiqqeessuun xumuruufi walitti bu’iinsa ittisuuf humna qabu ijaaruurrattis hojii cimaan hojjetamaa jira.

Gama biraatiin, maqaan gaariin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa daangaa biyyattii qofatti osoo hin taane, waltajjiiwwan idil-addunyaarrattis beekamtii guddaa argateera.

Gaaddisa Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti hojiiwwan nagaa kabajchiisuu Kooriyaa, Koongoo, Ruwaandaa, Laayibeeriyaa fi Somaaliyaatti raawwataman naamusa loltummaa fi hojii namoomaa raayyichaa addunyaatti beeksiseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Rippaabliika Diimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa seenaa gootummaa kaleessaa irratti hundaa’uun nageenya Itiyoophiyaa ammayyaa fi badhaatu taate mirkaneessuuf har’as hidhatee, qindaa’ee fi dammaqee eegumsa isaa itti fufeera.

Immabeet Siisaayiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.