Fana: At a Speed of Life!

Gaachana Samiirraa…

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa, ardii Afrikaatti dhaabbilee Aviyeeshinii waraanaa durii fi seenaa cimaa qaban keessaa isa tokkoo dha.

Dhaabbatichi waggoottan darban keessaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gahee olaanaa taphataa kan ture yoo ta’u, jijjiirama qubsama Siyaasaa fi Teeknooloojii waliin of jijjiiruun sadarkaa amma irra jirurra gaheera.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa walakkeessa bara 1920moota keessa kan hundaa’e yoo ta’u, bara 1930moota keessa ifatti gurmaa’uun hojii eegale.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa qaama Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa keessaa tokko yoo ta’u, nageenya fi daangaa qilleensaa biyyattii eeguuf gahee olaanaa qaba.

Humni kun hojiiwwan akka sakatta’iinsa qilleensaa, geejjiba waraanaa, leenjii, deeggarsa humnoota lafaa fi hojiiwwan gargaarsa namoomaa keessatti hirmaata.

Mootummoonni dhufaa darbaan guddina dhaabbatichaa keessatti gahee mataa isaanii bahataniiru.

Bara mootootaa sana Siwiidiin waliin, bara mootummaa dargii ammoo Gamtaa Sooviiyeet waliin dhaabbaticha guddisuuf hojjetameera.

Kanaanis waraanaa yeroo adda addaatti gaggeeffame ga’umsaan bahateera.

Haa ta’uu jijjiirramaan dura Xiyyaaroonni Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hidhate bakkeewwan adda addaatti dagatamanii turan.

Akka dhaabbataattis sadarkaa diigamuurra gahee ture.

Riifoormii Raayyaa Ittisaa Mootummaa Ida’amuu fi yaadama Ida’amuun durfamuun hojiileen humna qilleensichaa bu’uura cimaa qabasiisaan hojjetamaniiru.

Mootummaan Ida’amuu Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa seenaa dheeraa qabu kana guddisuuf xiyyeeffannoon hojjeteera.

Dandeettii qilleensaa guddisuuf xiyyaarotaa fi meeshaalee adda addaa fayyadamuun akkasumas ogeeyyii qilleensaa leenjisuun irratti hojjechaa ture.

Leenjii balaliiftootaa, injinarootaa, teeknishaanotaa fi ogeeyyii damee qilleensaa biroo irratti xiyyeeffannoo kennee hojjeteera.

Kanaanis Humna Qilleensaa akkaan gurmaa’e ijaaruu danda’eera.

Keessattuu Akkaadaamiin Humna Qilleensaa Bishooftuutti argamuu fi Yuunvarsiitiin Aviiyeeshinii gahee olaanaa bahataa jiru.

Xiyyaarotaa fi Heeliikooptaroota biyya keessatti haaromsuu, fooyyessuu fi suphuun hirkatummaa alaa hambisuu qofa osoo hin taane baasii guddaa hir’iseera.

Kanaanis Xiyyaaroota waraanaa hundagaleeyyii fi ammayyaa ta’an fooyyessuu fi suphuun qophummaan isaanii akkaan dabaleera.

Xiyyaaroota nama maleeyyii alaa galan dabalataan, biyya keessatti oomishuun jalqabameera.

Humna Namaa ga’umsa ogummaa waraanaa, namuusaa fi duudhaalee tokkummaa biyyaalessaa qaban ijaaruun dhaabbatichi nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf gaachana ta’eera.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun samii biyyaattii eeguu, akkasumas nageenya naannawaa tiksuuf qophummaa olaanaa qaba.

Meeshaalee waraanaa fi teeknooloojii isaa haaromsaa, dandeettii xiyyaaraa waraanaa, geejjibaa fi leenjii cimsaa daangaa qilleensaa Itiyoophiyaa eeguu, balaa qilleensaa ittisuu fi humna ittisaa biyyattii deeggaruun gahee olaanaa bahataa jira.

Yeroo ammaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa meeshaalee waraanaa fi xiyyaarota waraanaa gosa adda addaa hidhachuun sadarkaa daran amansiisaa ta’erratti argama.

Siifan Magarsaa fi Malkaam Fiqaaduutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.