Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiiwwan uummataaf deebii kennuuf karoora keenya guyyoottan 90 xiyyeeffannoon ni raawwanna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC) – Gaaffiiwwan uummataaf deebii kennuuf karoora keenya guyyoottan 90 itti aananii xiyyeeffannoo addaan ni raawwanna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, karoora hojii mootummaafi paartii bulchiinsa magaalichaa guyyoottan 90 irratti mar’achuun gara hojiitti galleerra jedhan.

Filannoon booda gaaffiiwwan hawaasni keenya kaasuuf deebii ariifachiisaa kennuuf karoora qabannee xiyyeeffannoo addaan ni raawwanna jedhaniiru.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun, qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuun fi tajaajila diijitaalaa Giddugala Tokkoo Masoob babal’isuun hojiilee gurguddoo har’a irraa eegalee hanga Qaammee 5’tti hojjetaman ta’uus eeraniiru.

Dabalataanis carraa hojii uumuu, fayyadamummaa dubartootaafi dargaggootaa mirkaneessuu, misooma Ashaaraa Magariisaa, qonna magaalaafi Sagantaa Maaddii Guutuu, ijaarsa nageenyaa fi sassaabbii galii cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru.

Gargaaramtummaa hir’isuun, hirmaannaa sagantaa tajaajila tola ooltummaa guddisuun fi sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu haala addaan hogganuun dhimmoota ijoo guyyoottan 90 itti aanan keessatti hammataman ta’uus kaasaniiru.

Hojiilee misooma kooriidariifi qarqara lageenii dabalatee pirojektoota qabaman yeroofi baajata qabameefiin qulqullinaan hojjechuun xumuruuf qophoofneerras jedhan.

Barri baajataa haaraan uummata keenya caalmaatti kan tajaajillu, imala Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuu itti mirkaneessinuu akka ta’uuf qophii karooraa irraa hanga raawwiitti hordoffiifi deeggarsa cimaa gochuun ni raawwanna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.