Galmoota gurguddoo Mootummaan qabate milkeessuuf hojii hojjetameen bu’aawwan hedduu galmaa’an – Obbo Saadaat Nashaa
Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC)- Galmoota gurguddoo Mootummaan qabate milkeessuuf hojii hojjetameen bu’aawwan hedduu galmaa’aniiru jedhan Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Qindeessaan Kilaastara hawasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaa.
Obbo Saadaat raawwii hojii bara 2018 kilaastera hawaasummaatiin hojjetaman ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, hojiiwwan bara kana raawwachuuf karoorfamaniin raawwii jajjabeessaan galmaa’eera jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddaa sadi hiyyummaa injifachuu, doofummaa balleessuufi sirna ijaaruu qabatee milkeessuuf kilaasterri hawaasummaa hojii hojjeteen bu’aawwan gurguddaa galmaa’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan dhaloota dorgomaafi ofitti amanamummaa qabu hurachuuf hojii hojjetameen bara kana barattoonni miiliyooonni 12.4 ol baruufi barsiisuu karaa guutuu ta’een akka hordofan taasifameera jedhan.
Cabiinsa barnootaa mudate bu’urarraa furuuf sadarkaa gadiirratti.hojjetuu kan gaafatu ta’uu kan dubbatan obbo Saadaat bara kana qofa hirmaannaa uummataatin manneen bartootaa bu’ura boruu 2,962 ijaaruun tajaajila akka kennen taasifamuu himaniiru.
Kana malees barsiistootaafi hooggansa mana baruumsaa sadarkaan jiruf leenjiin garaa garaa kan kennameefi adeemsa baruu barsiisuu keessatti bu’aan qabatamaa galmaa’aa jiraachuus eeraniiru.
Gama biraatin kilaastara hawaasummaatin hojii xiyyeeffannaan kenname hojjetamaa jiru keessaa hawaasa fayya buleesa ta’eefi misooma keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf hojii hojjetamaa jiru ta’uu kan kaasan Obbo Saadaat gama kanaanis milkaa’inoonni gurguddaan galmaa’aniiru jedhan.
Hawaasni yaaddoo malee tajaajila fayyaa akka argatu hojii hojjetameen bara kana hawaasni miliyoona 32.6 miseensa inshuraansii fayyaa ta’eera.
Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuufis manneen qorichaa hawaasaa babal’isuuf hojii hojjetameen mannaan qorichaa hawaasaa 759 qaqqabsiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru.
Miidhaa dubartootaa irra gahu hambisuufi fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf hojii hojjetameenis dubartoonni ijaarama garaa garaa keessatti akka ijaaraman taasifamuun fayyadamummaan isaanii akka dabalu taasifameera
Duudhaa ganamaa jiru bakkatti deebisuuf hojii hojjetameenis ardaaleen jilaa badan bakkatti akka deebi’an taasisuuf hojii hojjetameen ardaaleen jilaa hedduun bakkatti deebi’aniiru.
Walumaagalatti kilaastarri hawaasummaa galmoota qabate milkeessuuf hojii hojjeteen bu’aawan gurguddaa imala badhaadhina qabame milkeessuu keessatti shoora olaanaa kan qaban ta’uu Obbo Saadaat ibsuu ragaan BKO ni mul’isa.