Fana: At a Speed of Life!

Gareen seeraan alaa ABUT madda rakkoo fi hiraarsaa seenaa uummata Tigraay ta’ee itti fufeera – Dooktar Aragaawwii Barihee

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT filannoo nagaa irra deddeebi’ee dhiibuun madda rakkoo fi hiraarsaa seenaa uummata Tigraay ta’ee itti fufeera jedhan Dura ta’aan Paartii Dimokraatawaa Tigraay (TDP) Dooktar Aragaawwii Barihee MMBBU Aregaawii Barihee.

Gareen yakkamtootaa erga hundeeffamee kaasee rakkoolee meeshaa waraanaatiin hiikuuf yaalu kun , hojiirra oolma waliigaltee nagaa Piretooriyaatiif gufuu uumaa turuu isaa kaasaniiru.

Gareen kun yeroo ammaa filannoowwan siyaasa nagaa cufuun fi Shaabiyaa waliin michooma xuraawaa uumuun bulchiinsa yeroo naannichaa humnaan diiguu isaa eeraniiru.

Boqonnaa waliigalteen nagaa Piriitooriyaa uummata Tigraayiif uume gufachiisuun, gareen kun faallaa nagaa fi madda hiraarsaa uummataa ta’ee itti fufuu isaa dubbataniiru.

Kanarraa kan ka’es uummatni Tigraay baqattummaa, hiyyummaa hammaa fi dhiphinaaf saaxilamuu dubbatan.

Kana malees, dargaggoota Tigraay butanii gara kaampii waraanaatti geessuu irraa kaasee, maatii hidhuu fi hiraarsuun haadhotii Tigraay boossisaa akka jiru kaasaniiru.

Dargaggootaa fi daa’imman Tigraay maatii isaanii jalaa butuun gara kaampii waraanaatti galchuu, akkasumas Shaabiyaa fi Sudaaniif gurguruun madda galii godhachaa akka jiru ibsaniiru.

Uummata naannichaa baraaruu fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf, uummatni naannichaa fi dhalattoonni Tigraay biyya alaa jiraatan deemsa diigumsaa garee kanaa dhaabsisuuf waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbileen fi biyyonni idil-addunyaas gocha hammeenyaa garee seeraan alaa ABUT saaxiluun uummata Tigraay baraaruu akka qaban dubbachuu isaanii gabaasni TOI ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.