Gareewwan hidhatanii socho’an waliin hariiroo hin qabnu- ONLF
Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Gareewwan hidhatanii socho’an waliin hariiroo hin qabnu jedhe Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen.
ONLF ibsa baaseen karaa nagaan akka socho’u ibsuun, waliigaltee nageenyaa Kanaan dura mootummaa waliin mallatteesse hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu mirkaneesseera.
Wayita waliigaltichi hojiirra ooluu jalqaberraa kaasee naannoo Somaaleetti nageenyi waara’uu ibsuun, kunis barbaachisummaa waliigaltichaa fi qaamoleen hundi nageenya waaressuuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu eere.
Yaalii namoonni muraasni fedhii dhuunfaa isaanii milkeessuu dadhaban eeyyama malee maqaa dhaabbatichaa fayyadamuun nageenya, tasgabbiifi misooma naannichatti argame booressuufi walitti bu’iinsa uumuuf taasisan hadheeffatee akka balaaleffatu ibseera.
Gochaawwan akka kanaa qajeeltoo dhaabbatichaa faallessanii fi nageenyaafi tasgabbii naannichaa balaarra buusan irratti kan qabsaa’u ta’uus mirkaneesseera.
Humnoota hidhatanii mootummaa kuffisuuf socho’an waliin hariiroo kamiyyuu kan hin qabne ta’uu eeruun, karaa nagaafi dimookiraatawaan qabsaa’uuf kutannoo qabaachuu beeksiseera.
Dura taa’aan duraanii paartichaa obbo Abdirahimaan Mahiidii yeroo ammaa hoggansa irra kan hin jirre ta’uus ibseera.
Ibsi obbo Abdirahimaan Mahiidii maqaa ONLF’n kennan kamiyyuu ejjennoo paartichaa bakka kan hin buune ta’uu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia