Fana: At a Speed of Life!

Gootota Itiyoophiyaa qormaatilee keessa kutannoodhaan ceesisan…

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC) – Ajajaan Olaanaan Ajaja Duula Addaa Leetanal Jeneraal Shumaa Abdataa, Itiyoophiyaan qormaatilee ishee mudatan keessa kutannoon kan ishee ceesisan gootota bakka buutota horachaa jirti jedhan.

Leetanal Jeneraal Shuumaan Giddugala Leenjii Ajaja Duula Addaa Bilaatteetti argamuun, haala leenjii leenjifamtoota koorsii ‘Tsinaat’ 45ffaa fi ijaarsa bu’uraalee misoomaa daawwataniiru.

Wayituma kanas, ajajichi zoonota duulaa hundatti nageenya uummataa mirkaneessuu, pirojeektota gurguddoo eeguu fi gareewwan fiinxaleeyyiifi Shanee irratti tarkaanfii fudhatuun bu’aa quubsaa galmeessisaa jiraachuu dubbatan.

Ajajichi amala uummataa uffatee fi teekinoolojiidhaan dabaalamee bakka duulaa bobba’e hundatti nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiras jedhan.

Leenjifamtootni bakka buutota ta’uu hubachuun koorsicha xiiqii , gootummaa, jabinnaa fi ciminaan hordofuu akka qaban hubachiisuu isaanii miidiyaan onlaayinii Ittisa Biyyaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

Ajajaa Itti Aanaan ajajichaa Meejer Jeneraal Ababaawu Sa’iid gama isaaniin, ajajichi qormaatni kamiyyuu osoo isa hin jilbeenfachisiin seenaa gootummaa boonsaa hojjechaa jiraachuu ibsuun, leenjifamtootni amanamummaa kana itti fufsiisuuf qophaa’uu akka qaban dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.