Guddina Anniisaa Haaromfamuu Itiyoophiyaatti…
Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan hirkattummaa boba’aa fi cilee jalaa bahuun dhiyeessii anniisaa maddoota anniisaa haaromfamaniirraa argachuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirti.
Akka Afrikaatti misooma anniisaa magariisaan adda duree ta’uuf sosochii olaanarratti argamti.
Kaayyoo kana milkeessuuf ijaarsa maddoota anniisaa aduu xixiqqaa hanga Piroojektoota jajjabootti xiyyeeffannoo kenniteerti.
Itiyoophiyaan Annisaa Elektirikaa % 95 kan argattu bishaan, aduu, bubbee, ji’ootarmaalii fi filannoowwan biroorraa yoo ta’u,
Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaan yeroo ammaa anniisaa maddisiisuu eegaleera.
Hidhaan Anniisaa Kooyishaas ijaarsarra jira.
Piroojektiin Madda Anniisaa Bubbee Asallaas humna Meegaa Waattii 100 maddisiisu tibba darbe eebbifameera.
Tattaaffiiwwan kunneen lammiilee fi Indaastiriiwwaniif anniisaa gatii madaallawaan dhiyeessuun oomishaaleen biyya keessaa akka ciman taasisuurra darbee carraalee hojii bal’aa uumaa jiru.
Akkasuma eegumsa naannoo waareessaa, sona diinagdeef haala mijeesuun dhiyeessiin anniisaa amansiisaa akka ta’u shoora olaanaa bahaataa jira.
Itiyoophiyaan carraa aduurraa anniisaa hedduu argachuu qabaattus hanga ammaatti % 7 kan hin caalle hojiirra oolchite.
Garuu carraa qabdu guutummaatti osoo hojiirra oolchitee Meegaa Waatii miiliyoona 2.1 argachuu ni dandeessi.
Afrikaarraa anniisaa bubbeen adda duree yoo taatu, annisaa bubbee Meegaa Waattii 1.3 argachuuf carraa qabdi.
Sululli qiinxamaa handhuura Itiyoophiyaa keessatti waan argamuuf anniisaa hurkaa (Ji’ootarmaalii )bal’aa qabdi.
Kanaanis Meegaa Waattii kuma 10 argachuu dandeessi.
Bishaanirraa ammoo anniisaa hanga Meegaa Waattii kuma 45 maddisiisuu humni qabdi.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa anniisaa Meegaa Waatii kuma 9 fi 760 maddisiisaa kan jirtu yoo ta’au hanga Bara Faranjootaa 2030tti kuma 17 fi 500’n gahuuf hojjetaa jirti.
Anniisaan yeroo ammaa hojiirra jiranis:-
Meegaa Waattiin kumn 7 fi 613.7 bishaanirraa,
Meegaa Waattiin 469.84 Bubbeerraa, Meegaa Waattiin 25
Biomass irraa, akkasuma Meegaa waattiin 7.3 ji’ootarmaaliirraa kan argamaniidha.
Maddoonni anniisaa kunneen ce’umsa Indaastirii saffisiisuu, sharafa alaa argamsiisuu, ijaarsa diinagdee magariisaa milkeessuu, akkasuma dhalootaaf ifa ta’uun imala badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessu.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia