Fana: At a Speed of Life!

Guddina damee Tuurizimii fi iddoolee ga’umsaa haaraa…

Waggaa shan dura mootummaan Ida’amuu yeroo hundeeffamu paartiin sagalee ummataa argatee filannoo injifate, dhimmoota hedduu damee turizimii keessatti galmaan gahuuf waadaa galee ture.

Bakkeewwan hawwata turizimii jiran haaromsuu, haaraa ijaaruu, ijaarsa maqaa biyyaa fooyyeessuu fi sharafni damichaan argamu galii biyyaa guddisuu keessatti gahee isaa akka bahu hojjechuuf waadaa galee ture.

Piroojektoota Maaddiin Biyyaa fi Maaddiin dhalootaaf:-
Mootummaan Jijiiramaa bakkeewwan hawwata tuurizimii biyyattiin qabdu piroojektii ‘Maaddii Biyyaaf’ jedhuun bakka hawwata tuurzimii babal’isuu hojii eegale.

Pirojektoonni Maaddiin Biyyaaf akka biyyaatti ijaaraman kanneen akka Ikkoo Tuurizimii Haroo Wancii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa fi kanneen biroo midhagina bakkichi qabuutti sona dabaaluun hojiin hawwatummaa isaanii guddisuu hojjetameera.

Bakkeewwan tuurizimii kunneen dandeettii hawwatummaa turizimii biyyattii guddisuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Kunis galii argamsiisuu irra darbee carraa hojii hedduu uumuun jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jira.

Piroojektoonni kunneen iddoolee seenaa qabeeyyii gara ammaayyaatti jijjiiruun daawwattoota biyya keessaa fi alaa akkaan dabalaniiru.

Piroojektiin Maaddiin Dhalootaaf Piroojektii guddaa biyyaalessaa misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuufi qabeenya uumamaa gara dandeettii dinagdeetti jijjiiruuf kaayyeffatedha.

Sagantichaan, Riizoortii Konfiransii Aarbaa Minci, Loojii Ikkoo Dambii, Ni’iin Lee Paalmi, Riizoortii Loogoo fi Haayiq Riizoortii Shabalee ijaaramaniiiru.

Piroojektoonni kunneen miidhagina uumamaa, hambaa aadaafi fayyadamummaa ittifufaa qindeessuun ga’umsawwan magaalaafi baadiyyaa gara wiirtuu turizimii hawwataa ta’etti jijjiiraniiru.

Misooma Koriidarii Magaalaa Finfinnee:-

Misoomni koriidarii fi misoomni qarqara laggeen Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman magaalota addunyaa birootiif fakkeenya gaarii fi giddu gala muuxannoo akka taatu taasiseera.

Magaalaa Finfinneetti misoomni hojjetaman ijaarsa maqaa gaarii biyyaa irratti jijjiirama kan fidanii fi hawaasa gammachuu qabu, akkasumas qabeenya uumuu danda’an akka horatan taasiseera.

Yeroo ammaa kanattis Magaalaan Finfinnee Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, magaalaota addunyaatiif akka fakkeenya gaariitti kan eeramtu yoo taatu, hojiiwwan hojjetamanis magaalaa mijattuu ta’uurra darbuun wiirtuu qabeenyi itti uumamuu fi guddinni dinagdee itti mul’ates ta’uu dandeesseerti.

Hambaaleefi seenaa durii osoo hin balleessin magaalaa haaromsuun, misooma paarkiiwwanii, iddoowwan bashannanaa, iddoowwan tursiisa daa’immanii, hojii ijaarsa manneen jireenyaa, tajaajila giddugala tokkoo Masob hojii irra ooluun, akkasumas hojiiwwan misooma koriidarii fi qarqara laggeenii, hojiilee qabatamaan magaalaa Finfinneetti hojjetamuun ija addunyaatti mul’ataniidha.

Bakkeewwan gahumsa turistootaa ta’uun magaalattii gara sadarkaa guddinaatti ceesisaa jiran keessaa gaarri Inxooxxoo gara dirree ispoortii ammayyaa fi giddu gala bashannanaa aadaatti kan jijjiirame, akkasumas Paarkiin Shaggar caqasamuu danda’u.

Waliigalaan mootummaan ida’amuu waggoottan shanan darban keessaa damee Tuurizimiin guddina seenaa qabeessaa fi milkaa’ina raajii galmeessera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.