Fana: At a Speed of Life!

Guddina Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa…

Bu’uurri misooma waaraa fi badhaadhina hundagaleessaa biyya tokkoo caasaa diingadee Gooroo amansiisaa ta’eedha.

Itiyoophiyaan qoormaatilee diinagdee baroota darban keessa mudate, hanqina sharafa alaa fi dhiibbaalee idaa turan waaraan furuuf fooyyeessii diinagdee seenaa qabeessa hojiirra oolchaa jirti.

Kanaanis waggootaan darban jijjiirama caasaa diinagdee taasisaa jirti.

Keessattuu fooyyeessi imaammata diinagdee gooroo dhiheenya sharafa alaa gabaan akka murtaa’uu, sirreeffamni imaammata Fiisikaalii fi tarkaanfiin Invastimantii alaa hawwachuuf fudhatame kallattii diinagdee biyyattii jijjiiraa jiru.

Mootummaan Ida’aamuu diinagdee biyyaattii waareessuuf fooyyessii diinagdee Gooroo hojiirra oolchaa jira.

Riifoormiin kunis oomisha biyya keessaa guddisuum hanqina sharafa alaa furuu fi tasgabbii fiisikaalaa uumuu kan kaayyefateedha.

Dhaabbata Maallaqa Addunyaa fi Baankii Addunyaa waliin waliigalteewwan dhiibbaa idaa alaa hir’isuuf dandeessisan, siiqinsi idaa, deeggarsa maallaqaa fi fooyyessiin liqaa taasifameera.

Fooyyessi taasifame damee qonnaa, daldala alaa, Indaastirii, damee oomishaa fi tajaajilaan dandeettii biyyattii guddisuu danda’eera.

Fooyyessiiwwan eegalaman murannoon itti fufsiisuu fi qormaatilee mudatan tarsiimoon hiikuun, diinagdee Itiyoophiyaa Afrikaa Bahaattis ta’ee sadarkaa Addunyaatti dorgomaa fi cimaa taasisuun kan hin oolledha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.