Guuboon Jechoota Seeraa Afaan Oromoo kan jalqabaa eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 6, 2018(FMC) – Kitaabni Guuboo jechoota seeraa Afaan Oromoo mata duree ‘Walaabu’ jedhuun qophaa’ee fi seenaa Itiyoophiyaa keessatti kan jalqabaa ta’e eebbifameera.
Kitaaba kana Inistitiyuutii Seeraa fi Haqaa Federaalaa, Yuunivarsiitii Finfinnee fi ‘Justice for Alla Prison Fellowship Ethiopia’tu waliin ta’uun qopheesse.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kiflee sirna eebbaa kanarratti, hojiin Guuboo Jechoota Seeraa kana qopheessuu bara 2016 jalqabamuu himanii, jechoota kuma 7 fi 500 afaan Oromoon akka hiiku himan.
Qulqullina isaa mirkaneessuuf ogeeyyii damee adda addaa 18 ol akka irratti hirmaatan eeran.
Kitaabichi sirna haqaa keessatti hiikni seeraa walfakkaataan akka jiraatuuf fi rakkoo gama hubannoon mudatu hambisuu keessatti qooda olaanaa qabu, guddina afaanii fi qulqullina tajaajila haqaaf murteessaa akka ta’es ibsaniiru.
Pireezidaantiin Mana Murtii Federaalaa Tewodiroos Mihrat gama isaaniin, ogeeyyiin seeraa jechoota seeraa afaan Oromootti hiikuun, tajaajila haqaa kennuuf rakkachaa turuu yaadachiisanii, kitaabichi kanaaf furmaata ta’a jedhan.
Afaaniifi seera addaan baasuun akka hin danda’amne kaasuun,jechoonni seeraa ifa hin taanes tajaajila haqaa akka hanqisan ibsan.
Hojii akkanaa milkeessuu fi itti fufsiisuu keessatti qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi waliin hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Mahaammad Nuuraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia