Fana: At a Speed of Life!

Tapha murteessaa Maanchiisteer Siitii fi Kiristaal Paalaas…

Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Tapha qixxeesaa Priimeer Liigii Ingilaandiin morkiin Maanchiisteer Siitii fi Kiristaal Paalaas Istaadiyeemii Etihaaditti taphatan hawwii guddaan eegamaa jira.

Tapha galgala sa’aatii 4:00 irratti gaggeeffamu kanaan, Maanchiisteer Siitii dorgommii waancaa liigichaa keessatti itti fufuuf dirqama injifachuu qaba; carraan dorgommii waancaa keessa isa tursiisu injifachuu qofa waan ta’eef.

Maanchiisteer Siitiin galgala kana yoo mo’ame yookiin qixa ba’e, Arsenaal ammoo Wiixata dhufu tapha Istaadiyeemii Eemireetisitti isa eeggatuun kilaba liigicha keessaa gadi bu’uun isaa mirkanaa’e Barnileey yoo mo’ate, injifataa waancaa bara dorgommii 2025/26 ta’uun isaa ni mirkanaa’a.

Maanchiisteer Siitiin tapha hin taphatin tokko kan qabu yoo ta’u, morkataa isaa Arsenaal irraa qabxii shaniin gadi bu’ee sadarkaa lammaffaa irratti argama.

Galgala kana yoo injifate garaagarummaa qabxii jiru gara lamaatti dhiphisuun dorgommii waancaa keessa turuu danda’a.

Liigicha Arsenaal qabxii 79n yoo dursu, Maanchiisteer Siitiin ammoo qabxii 75n lammaffaa irratti argama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.