Guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf qophiin barbaachisu taasifamuu akka qabu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Adooleessa 22, 2018 (FMC) — Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuudhaan seenaa haaraa galmeessuuf lammiileen Itiyoophiyaa hundi qophii barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, lammiileen Itiyoophiyaa
harki walqabatanii guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuudhaan seenaa biraa hojjechuuf guyyoonni shan qofti akka hafan ibsaniiru.
“Ijoollee biyya koo kabajamo, guyyoota muraasa kana keessatti qophii barbaachisaa akka gootan, kutannoodhaan akka kaatan, mootummaa fi ummanni tokkummaan hojii kana milkeessinee injifannoo keenya akka dhugoomsinu isin gaafadha” jechuunis waamicha isaanii dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia