Haalli Qilleensaa Waancaa Addunyaa 2026f Qormaata Akka Ta’u Himame
Finfinnee, Caamsaa 2, 2018 (FMC) – Gaggeeffamuuf yeroo gabaabaan kan hafe dorgommii Waancaa Addunyaa 2026 haala qilleensaa rakkisaa ta’een qormaatni mudachuu akka danda’u eerame.
Biyyoota dorgommicha keessummeessan Ameerikaa, Kanaadaa fi Meeksikoo keessatti haalli qilleensaa ho’a guddaa, rooba qaqawweessaan guutee fi balaa abidda bosonaatiin kan beekamu ta’uun dorgommicha dura yaaddoo uumeera.
Ho’i magaalota kibba Ameerikaa fi kaaba Meeksikootti argaman ho’a guddaa giddu-galeessaan 30°C hanga 40°C ga’uun kan beekaman yoo ta’u, taphattootaa irratti dhiibbaa guddaa geessisa jedhamee sodaatameera.
Bara darbe dorgommii Waancaa Kilaboota Addunyaa irratti sababa kanaan taphoonni ja’a addaan cituun ni yaadatama.
Magaalota akka Miyaamii, Hiiwustanii fi Atilaantaa keessatti bokkaan qaqawweessa makatee roobu tapha addaan kutuu danda’a jedhameera.
Istiidiyeemii taphni itti geggeeffamu irraa kiilomeetira 16 keessatti bakakkaan yoo bu’e, bakakkaan sun erga bu’ee boodas akka hojimaata Ameerikaatti, taphni daqiiqaa 30f addaan cituu danda’a.
Balaa ibidda bosonaatiin faalamni qilleensaa uumamus qormaata biraa yoo ta’u, ammuma irraa eegalee bakka tokko tokkootti uumamuu jalqabeera jedhame.
Kanaan dura Kanaadaa keessatti balaa kanaan aarri ibiddichaa kiiloo meetira kumoota waan deemeef taphoonni haqamuun ni yaadatama.
Yaaddoo kana hordofuun Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) tarkaanfiiwwan adda addaa kan dabrse yoo ta’u, tapha hundumaa keessatti walakkaawwan lamaan keessattuu daqiiqaa 3f boqonnaa bishaan dhugaatii dirqama akka ta’e murteesseera.
Taphoonni baay’een waaree booda ykn galgala akka gaggeeffamanis murteesseera.
Faalama qilleensaa ibidda bosonaatiin uumamuuf, gorsa ogeessota fayyaa irratti hundaa’uun murtee battalaa yeroo taphaa akka kennus BBC’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia