Fana: At a Speed of Life!

Haaromsa magaalota keenyaatiin halluu qofa hinjijjiirru; gahee isaanii jijjiiraa jirra- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Haaromsa magaalota keenyaatiin halluu qofa hinjijjiirru; gahee isaanii jijjiiraa jirra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Haaromsa magaalota keenyaatiin halluu qofa hinjijjiirru; gahee isaanii jijjiiraa jirrajedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

𝗛𝗮𝗮𝗿𝗼𝗺𝘀𝗮 𝐍𝐚𝐪𝐚𝐦𝐭𝐞𝐞: 𝗚𝗮𝗿𝗮 𝐖𝐢𝐢𝐫𝐭𝐮𝐮 𝐂𝐞’𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐋𝐢𝐱𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝘁𝐢
Haaromsi Naqamtee, haaromsa magaalaa qofa miti. Mallattoo ce’umsa Lixa Oromiyaati.

Lixi Oromiyaa qabeenya umamaafi nam-tolcheen haabadhaadhu malee, yeroo dheeraaf guutummaatti gara humna dinagdee badhaadhina hawaasa naannawichaa mirkaneessutti hinjijjiiramne.

Nannawaan kun qabeenya horate, nama guddifateefi humna ijaarateen of-misoomsuu irratti xiyyeeffattee hinturre. Har’a garuu humna isaa guutuu guddina dinagdee, invastimantii, kalaqaafi badhaadhina hawaasa naannawichaattiif akka oolchu taasifamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaammata magaalomsuu haaraa hojiitti hiikaa jiru keessatti, magaalota akka Naqamtee haaromsuun isaa kaayyoo miidhaginaa milkeessuu qofaaf miti.

Kaayyoon haaromsaa ijoon dandeettii oomishtummaa guddisuu, mootummaa ammayyeessuu, tajaajila si’oomsuu, invastimantii hawwachuu, carraa hojii babal’isuufi dorgommummaa egeree ijaaruudha.

Har’a magaalaa haaromsuun galma miti; tooftaa utaalchoo naannoo keenyati. Bu’uuraalee misoomaa diriirsuun galma miti; bu’uura oomishtummaati. Kaayyoon keenya gamoo ijaaruu qofa osoo hintaane, humna dinagdee ijaaruudha. Haaromsi magaalaa keenya yaadama kanaa hordofa. Magaalota keenya halluu qofa hinjijjiirru; gahee isaanii jijjiiraa jirra.

Magaalota keessatti daandii ijaaruun, lafa banaa hawaasaa misoomsuun, dhaabbilee tajaajila mootummaa ammayyeessun bareedina magaalaa jijjiiruu qofaaf miti.

Yeroofi baasii ummataa hirdhisuu, hojii uumuu, invastimantii hawwachuufi jajjabeessuu akkasumas mootummaa ummatatti dhiyoo ta’e ijaaruudha. Haaromsi magaalaa Naqamtees pirojektii ijaarsaa qofa miti. Tarkaanfii tarsiima’aa humna dinagdee Lixa Oromiyaa gara dandeettii qabatamaatti jijjiiruuti.

Lixi Oromiyaa lafa qabeenya umamaatiin eebbifamedha. Lafa bunaa, midhaan daldalaa(commercial crop), misooma beeyladaa, albuudaa, turizimiifi carraa jallisii baldhaa qabuudha.

Akkasumas lafa seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti gahee addaa taphateefi mandhee goototafi hayyoota hedduu biyyaaf gumaachedha. Haata’u malee, humni dinagdee naannawichaa guutummaatti bahee gara guddina qabatamaatti osoo hinjijjiiramin ture. Qabeenyi umamaa, humni ummataafi carraaleen misoomaa jiran walitti qindaa’anii humna misoomaa qabatamaatti jijjiiramuu hindandeenye.

Har’a haaromsi naqamtee haala kana jijjiiraa jira. MNO Naqamtee handhuura daldalaa, loojistikii, kurfeessa omishaalee qonnaa, turizimiifi invastimantii Lixa Oromiyaatti jijjiiruuf hojii baldhaa raawwataa jira. Haaromsi Naqamtee kuusa pirojektootaa qofa qofa dhaabbatanii cite miti. Pilaanii mummee (master plan) haaraa dilbii hawaas-dinagdee Lixa Oromiyaa guutuu yaada keessa galche irratti kan hundaa’edha.

Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Haayilee Fidaa, Paarkiin Qonnaa Qindaa’aa Naqamtee, pirojektoonni daandii, hawwata turizimiifi hojiiwwan misoomaa biroo qeenxeen kan dhaabbatan osoo hintaane, qaama yaadama qindaa’aa tokkooti. Sochiin kun magaalota keenya lafa jireenyaa qofa osoo hintaane, wiirtuu omisha, daldalaa, kalaqaa, teknoolojiifi ogummaa, invastimantii, turizimiifi badhaadhan taasisuudha.

Tarkaanfiin kun, Magaalaa Naqamtee qofa keessatti osoo hintaane, hojiiwwan jallisii, qonna ammayyaa, mekaanayizeeshinii, teknoolojii qonnaa, albuudaafi indastirii Lixa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran bu’uura dinagdee haaraa ijaaruu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiru. Dargaggoonni, dubartoonnifi dhaweessitoonni carraa guddinaa argachaa jiru. Qonnaan bulaanis qulqullinaafi baay’ina omisha isaa guddisuun gabaa keessatti dorgomaa ta’aa jira.

Daandiiwwan Lixa Oromiyaa keessaafi naannolee ollaa waliin walqunnamsiisan, qabeenya umamaa, oomisha qonnaa, albuudaafi carraalee invastimantii gara humna dinagdee qabatamaatti jijjiiruuf bu’uura ta’aa jiru. Buufataaleen Xiyyaaraa Haayilee Fidaa-Naqamtee fi Guddinaa Tumsaa-Dambii Dolloo ammoo Lixa Oromiyaa gabaa biyya keessaa fi idil-addunyaa waliin walitti hidhaa jiru. Naqamtee haaromsaa jirra jechuu qofti gahaa miti.

Sirna dinagdee Oromiyaa keessatti iddoo haaraa qabachiisaa jirra jechuutu sirriidha. Gahee ishee gara handhuura daldalaa, loojistikii, indastirii, turizimii, invastimantiifi kurfeessa omishaalee qonnaatti akka baldhifattu dandeessisaa jirra.

Sochiileen marti muldhata tokko tajaajilu. Innis guddinni Oromiyaa giddugala muraasatti kan kuufamu osoo hintaane, kallattii maraan akka babaldhatu taasisuudha. Magaalonni keenya marti humna dinagdee isaanii akka gadi lakkisan, invastimantii hawwatan, carraa hojii uumanifi wiirtuu guddinaa ta’an dandeessisuudha.

Ciminni magaalaa gamoo dheeraa qabaachuu miti. Magaalaa cimaa jechuun dargaggootaaf carraa hojii kan uume/mijeesse, ogummaafi dhaweessummaa kan dagaagse, invastaroonni amanuun qabeenya isaanii akka dhangalaasan taasise, qotee bulaaf gabaa uume, dhaweessitootaaf haala daldala isaanii itti babaldhifatan kan mijeesse jechuudha. Ce’umsi Oromiyaa jijjiirama magaalaa tokko keessatti galmaa’uun qofa hinmilkaa’u. Dilbii oomishtummaa, kalaqaa, invastimantii, daldalaa, turizimiifi indastirii magaalotaafi naannawa isaanii keessa jiru gara dandeettii qabatamaatti jijjiiruu barbaada.

Gammaduun yoobarbaachise, jijjiirama Naqamteen har’a galmeessiste qofaaf osoo hintaane, ce’umsa Lixi Oromiyaa dhugoomsuuf jiruufi. Boqonnaa Oromiyaa haaraa keessatti, magaalonni keenya bakka tajaajilli itti kennamu qofa osoo hintaane, motora guddina dinagdee, wiirtuu kalaqaa, handhuura invastimantiifi bu’uura badhaadhina dhaloota dhufuuti.

Barri Lixi Oromiyaa qabeenya umamaa qofaan beekamu darbaa jira. Har’a imala qabeenya isaa gara humna dinagdee, invastimantii, kalaqaafi badhaadhinaatti jijjiiruu jalqabeen, ce’umsa Oromiyaa keessatti gahee murteessaa taphachuu eegaleera. Naqamteen magaalaa guddachaa jirtu qofa miti; magaalaa ergama haaraa fudhachaa jirtudha!

Haaromsa magaalota keenyaatiin halluu qofa hinjijjiirru; gahee isaanii jijjiiraa jirra!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.