Fana: At a Speed of Life!

Hambaalee saamaman karaa dippiloomaasiin deebisuuf tattaaffiin taasifame bu’aa galmeessiseera- Dooktar Aluulaa Paankirast

Finfinnee, Fulbaana 10, 2019 (FMC) – Hambaalee saamaman karaa dippiloomaasiin deebisuuf tattaaffiin taasifame bu’aa galmeessiseera jedhan qorataafi miseensi koree hambaalee Itiyoophiyaa deebisuu Dooktar Aluulaa Paankirast.

Mootummaan Ida’amuu waggoottan torban darban keessa hambaalee Itiyoophiyaan sababoota garaagaraan dhabde tattaaffii dippiloomaasii cimaan deebisuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa kan ture yoo ta’u, bu’aa jajjabeessaanis argamaniiru.

Waggoota muraasaa asitti hambaalee Itiyoophiyaa karaa seeraan alaa biyyaa bahan deebisuuf karaa qindaa’aa ta’een hojjetamaa akka jiru Dooktar Aluulaa Paankirsat ibsaniiru.

Hambaaleen humnaafi saamichaan fudhataman gara bakka dhufaniitti deebi’uu akka qabanis dubbataniiru.

Wayita hambaaleen kunneen gabaa biyyoota garaagaraatti gurgurtaaf caalbaasiin dhiyaatan mormii dippiloomaasii cimaa dhiyeessuun caalbaasiiwwan kunneen guutummaatti akka haqaman gochuun danda’ameera jedhan.

Caalbaasiiwwan kunneen erga haqamanii boodas mootummaafi qaamoleen qooda fudhattootaa waliin mari’achuun hambaalee hedduu deebisuun akka danda’ame kaasaniiru.

Kana malees godambaawwan idil-addunyaa waliin mari’achuun hambaalee deebisuun akka danda’ames eeranii, Godambaa Ameerikaa Tooleedoo irraa hambaalee Itiyoophiyaa 380 deebisiisuuf waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.

Hambaalee deebisuuf kutannoon dippiloomaasii mootummaan agarsiise kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.