Fana: At a Speed of Life!

Hammattummaa Siyaasaa Waliigaltee Biyyaalessaaf; Biyya Guddoo, Uummata Guddaa, Mul’ata Guddaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan biyya saboota, sab-lammootaa fi uummattoota hedduu of keessatti qabachuun, hirmaannaan siyaasaa nageenya, diimokiraasii fi misooma waaraaf utubaa murteessaa dha.

Biyyi tokko nageenya waaraa fi sirna dimokiraatawaa ijaaruu kan dandeessu, haala siyaasaa hunda hammatee keessatti humnoota siyaasaa hunda, hawaasa sivilii fi sagalee lammiilee keessummeessuu danda’u uumuu yoo dandeesse dha.

Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti sirni siyaasaa qoodaan qajeeltoo “mo’ataan waan hunda fudhata” jedhuun gaggeeffamaa ture, rakkoolee tasgabbii dhabuu, walitti bu’iinsaa fi garaagarummaa biyyattii mudataniif sababa olaanaa t’ee tureera.

Waggoota dhihoo asitti adeemsa jijjiiramaa Itiyoophiyaa keessatti geggeeffame hordofee, waltajjii bal’aan lammiileen dhimmoota biyyaalessaa irratti bilisaan mari’achuu fi waliigaltee uumuu itti danda’an uumameera.

Paartiin Badhaadhinaa filannoo irratti sagalee caalmaa argatee mootummaa erga hundeessee boodas, akkaataa Itiyoophiyaa keessatti kanaan dura hin mul’anneen hoggantoota paartilee dorgomtootaa beekamoo ta’an waajjiraalee mootummaa federaalaa fi naannolee keessatti itti gaafatamummaa akka hogganaa fudhatan muudeera.

Hoggantoota paartilee dorgomtootaa sadarkaa aangoo mootummaa garaagaraa keessatti hammachuun, dhimmawwan biyyaalessaa irratti waliigaltee waliinii uumuuf gumaacha taasiseera.

Hoggantoonni ilaalcha garaagaraa qaban kaabinee mootummaa keessatti hammatamuun to’annoo keessaa fi iftoomina dabala. Kana malees, mootummaa keessatti ogeeyyii paartii isaa ala jiran, akkasumas hoggantoota paartilee morkattootaa barnootaa fi muuxannoo qaban beekumsa isaanii ijaarsa biyyaaf akka oolchan carraa uumeera.

Kana malees, garaagarummaa siyaasaa bu’uuraa biyya keessatti waggoota dheeraaf ture furuuf kan hundeeffame Komishiniin Marii Biyyaalessaa, humnoota siyaasaa fi qaamolee hawaasaa hunda hammatee ajandaa walitti qabuun adeemsa marii gaggeessuuf gumaacha guddaa taasiseera.

Miseensota paartilee dorgomtootaa kaabinee mootummaa keessatti hammachuun, yaafama “biyyattiin kan hundaati” jedhu hojii irra oolchuu fi sirna siyaasaa qaroomaa ijaaruuf tarkaanfii bu’uura kaa’ee dha..

Paartileen dorgomtootaa Mana Maree Waloo irratti hundaa’uun labsiiwwan mootummaa, seera hawaasa sivilii fi raawwii filannoo ilaalchisee ejjennoo waloon qabaachuun, mootummaa waliin mari’achuu, waliigaltee irra ga’uu fi falmuu dandeettii isaanii akka cimsatan haalli mijateera.

Walumaagalatti, hoggantoonni paartilee ilaalcha siyaasaa garaagaraa qaban minjaala tokko marsanii dhimmawwan biyyaalessaa irratti murtee akka kennan carraan uumameera.

Kunis siyaasaa akka diinaatti wal ilaalu irraa gara dorgommii siyaasaa nagaatti ce’uuf jalqabbii guddaa ta’eera.

Tigist Gizaachoon

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.