Hariiroo Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa Mul’ata Gamtaa Afrikaan Walitti Hidhame
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) — Afrikaan seenaa ishee keessatti imala siyaasaa, aadaa fi dinagdee garaagaraa keessa darbiteetti. Seenaa dheeraa Afrikaa keessatti Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaan biyyoota bakka addaa qabanii dha.
Bara kolonummaa bilisummaa ishee eeggattee kan turte Itiyoophiyaa fi bara 1960tti bilisummaa ishee kan argatte Naayijeeriyaan, qabsoo bilisummaa, tokkummaa fi misoomaa Afrikaa keessatti gahee olaanaa taphataniiru.
Hariiroon dippilomaasii ammayyaa biyyoota lamaan gidduu jiru bara 1960moota kan bu’uureffate yoo ta’u, Itiyoophiyaan bara 1961tti Leegoositti Imbaasii ishee banuun seenaa hariiroo biyyoota lamaanii keessatti tarkaanfii guddaa ture.
Boodarra Naayijeeriyaanis Finfinneetti bakka bu’ummaa dippilomaasii ishee cimsatteetti.
Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii baroota 1960moota keessa ifatti hundeeffamuun bu’uura hariiroo har’aa kaa’eera.
Hariiroo Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa keessatti barri 1963 hiika addaa qaba. Bara sana hoggantoonni biyyoota bilisummaa argatan 32 Finfinneetti walitti dhufuun Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (OAU) hundeessuuf bu’uura kaa’an.
Itiyoophiyaanii fi Naayijeeriyaanis miseensota hundeessitoota keessa tokko turan.
Taateen kun hariiroo gam-lamee biyyoota lamaanii caalaa hiika bal’aa qaba ture.
Itiyoophiyaan teessoo waajjira muummee Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa taatee yoo itti fuftu, Naayijeeriyaanis biyyoota Afrikaa keessaa kan guddinaa fi dhiibbaa siyaasaa olaanaa qabdu ta’uun, dhimma siyaasaa ardichaa keessatti gahee olaanaa taphachuu jalqabde.
Waajjirri muummee Dhaabbata Tokkummaa Afrikaas Finfinnee akka ta’u murtaa’uun kan raawwatame adeemsa hundeeffama dhaabbatichaa keessatti ture.
Haaluma kanaan, hariiroon Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa hariiroo mootummaa lamaanii qofa osoo hin taane, mul’ata Gamtaa Afrikaa waliin walqabate ta’ee itti fufeera.
Tumsi biyyoota lamaanii dippilomaasii qofaan kan daangeffame hin turre.
Baroota 1960mootaa fi 1970moota keessa qondaaltonni waraanaa Naayijeeriyaa hedduun Akkaadaamii Waraanaa Itiyoophiyaa Hararitti argamutti leenjii argataniiru. Kunis biyyoota lamaan gidduu wal jijjiirraan ogummaa fi muuxannoo dursee jiraachuu agarsiisa.
Damee barnootaanis hariiroon biyyoota lamaanii seenaa mataa isaa qaba. Bara mootummaa Impaayeraatti barattoonni Naayijeeriyaa Finfinneetti barnoota argataniiru. Bara 2000tti immoo barsiisonni Naayijeeriyaa yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee barnootaa Itiyoophiyaa keessa akka tajaajilan waliigalameera.
Kunis fakkeenya qabatamaa tumsa Kibbaa-Kibbaa ta’eera.
Baroota 1990moota irraa eegalee hariiroon biyyoota lamaanii gara sadarkaa haaraatti ce’uu jalqabe. Daawwannaan hoggantootaa, mariin daldalaa fi invastimantii, akkasumas tumsi barnootaa fi aadaa dabalaa dhufe.
Bara 2006tti biyyoonni lamaan hariiroo siyaasaa fi dippilomaasii isaanii gara tumsa tarsiimawaa dameewwan hedduu hammatuutti guddisuuf waliigalan. Kana hojiirra oolchuufis Koreen Waloo Ministirootaa hundeeffame.
Caasaan kun dameewwan daldalaa, barnootaa, qonnaa, aadaa, fayyaa, nageenyaa fi dameewwan biroo keessatti waltajjii tumsa babal’isu ta’eera.
Biyyoonni lamaan wantoota hedduun wal fakkaatu. Lamaan isaanii biyyoota sabaa fi afaanota hedduu qabaniidha; baay’ina uummataa bal’aa qabu; siyaasa Afrikaa keessattis sagalee olaanaa qabu.
Walfakkeenyi kun biyyoota lamaan gidduutti muuxannoo wal jijjiiruuf bu’uura cimaa uumeera.
Gamtaa Afrikaa keessattis biyyoonni lamaan nageenya, tasgabbii, misooma ardichaa fi sagaleen Afrikaa waltajjii addunyaa irratti akka cimuuf gahee olaanaa taphachaa jiru.
Bara 2017tti Koreen waloo Ministirootaa Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa waggoota 10 booda Abujaa keessatti gaggeeffameera.
Bara 2022ttimmoo walga’ii sadaffaan Koree Waloo Ministirootaa Finfinneetti gaggeeffamee, dameewwan dhimma waraanaa, fayyaa, daldalaa, indaastirii, aadaa fi ispoortii keessatti waliigaltee tumsaarratti mari’atameera.
Hariiroon uummataa fi uummataa gidduus geejjiba qilleensaa, daldala, barnootaa fi waljijjiirraa aadaa irratti hundaa’uun cimee dhufeera.
Akkasumas, bara 2026tti mariin biyyoota lamaanii gara tumsa damee seeraa fi haqaaattis babal’ateera. Waxabajjii 2026tti Itiyoophiyaanii fi Naayijeeriyaan namoota murtiin itti kenname waljijjiiruu ilaalchisee waliigaltee mallatteessuun, dameen tumsaa haaraan hariiroo biyyoota lamaanii keessatti banamuu agarsiisa.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa seenaa darbe qofa eeguurratti kan dhaabbatu miti. Qabeenyi namaa, humni gabaa, muuxannoon qonnaa, dandeettiin indaastirii fi guddinni teeknooloojii biyyoota lamaanii sirnaan yoo walitti hidhame, biyyoota lamaan qofaaf osoo hin taane, ardii Afrikaa maraaf carraa guddaa uumuu danda’a.
Keessumaa, walitti hidhamiinsa daldalaa fi invastimantii guddisuu, geejjiba qilleensaa fi sochii namootaa saffisaafi mijataa gochuu, barnootaa fi teeknooloojii keessattis waljijjiirraa muuxannoo babal’isuu, akkasumas Gamtaa Afrikaa keessatti 1 waloo cimsuun, hariiroo fuulduraa biyyoota lamaanii caalaatti guddisuu danda’u.
#Mootummaa_Ida’amuu
Abeel Niwaayiin