Harri Maayaa deebi’uun bu’aa Ashaaraa Magariisaati- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC)- Harri Maayaa deebi’uun bu’aa Ashaaraa Magariisaati jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Ashaaraan Magariisaa miidhama uumamaa wal’aanaa jiraachuuf agarsiiftuun Hara Maayaati jedhan.
Harri Maayaa bara 1996 guutuummaan guutuutti badee turuu yaadachiisuun, tattaaffii Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya uumamaan gara simboo duraan qabuutti deebi’uu himaniiru.
Kanaanis Ashaaraan Magariisaa qaamolee bishaanii Itiyoophiyaa fi misooma Sululaaf inisheetivii ijoo ta’uun kan itti mirkanaa’e akka ta’ee ibsaniiru.
Milkaa’inni kun yaada Ida’amuutiin misooma mirkaneessuu qofaa osoo hin taane dhiibbaa uumama dandamachuu fi to’achuun akka danda’amu kan mirkaneessuudha jedhan.