Fana: At a Speed of Life!

Hidha maddisiisaa humna elektirikaa Kooyishaa yeroo karoorfame keessatti xumuruuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) — Hidha maddisiisaa humna elektirikaa Kooyishaa yeroo murtaa’e keessatti xumuruuf hojjetamaa jira jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.

Hoji raawwachiisaan pirojektichaa Injiinar Mabiraatuu Tashoomaa akka jedhanitti, raawwiin waliigalaa pirojektichaa yeroo ammaa dhibbeentaa 77 caaleera.

Hidhichi dheerina meetira 201 qabaachuu kan himan Injinar Mabraatuun, hojii mana maddisiisaa humnaa qotuu fi hojiiwwan siivilii sadarkaa jalqabaa guutummaatti xumuramuu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, biyyee meetir kuubii miliyoona 6.4 qotuun, waliigalaan guutiinsa konkiriitii meetir kuubii miliyoona 7.72 hidhichi barbaadu keessaa guutinsi konkiriitii dhibbeentaan 81.2 raawwatameera.

Hojiiwwan elektiroo-makaanikaalaa yeroo karoorfame keessatti xumuruuf, meeshaaleen barbaachisan warshaalee hedduutti akka oomishaman taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Dhaabbatichi maallaqa pirojektichaaf barbaachisu ofii isaan guutuun, ijaarsi pirojektichaa saffisaan gaggeeffamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Ijaarsa hidhchaa dhuma bara baajataa eegalametti xumuruun, Onkololeessa 2021 keessa tarbaayinii jalqabaa hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasumas, ijaarsa pirojektichaa guutummaatti hanga Caamsaa 2021tti xumuruuf karoorfamee, kutannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.