Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa fi kaka’umsi filattootaa ijaarsa sirna diimookiraasiif abdii guddaa kan uumedha – Federeeshinicha

Finfinnee, Caamsaa 28, 2018 (FMC) – Hirmaannaa fi kaka’umsi filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaarratti mul’ate ijaarsa sirna diimookiraasiif abdii guddaa kan uumedha jedhe Federeeshiniin Dubartootaa Itiyoophiyaa.

Federeeshinichi filattootaaf barnoota kennuu fi taajjabdummaan hirmaachuun dubartoonni filannicharratti hojiilee hedduu hojjechuu Daayrekterri Olaantuun Federeeshinii Dubartootaa Itiyoophiyaa Gannat Siyyuum ibsaniiru.

Dubartoonni kumni 14 ol buufataalee filannootti argamuun adeemsa kenniinsa sagalee tajjabuu ibsan.

Filannichi naga-qabeessa ta’uufi hirmaannaan hawaasaa mul’ates ijaarsa diimookiraasii Itiyoophiyaa kan dhugoomsu ta’uu kaasan.

‎Federeshinichi taajjabdoota kuma 14fi 160 ramaduun buufataalee filannoo kuma 25fi 384’tti argamuun haala filannoo taajjabuus ibsan.

Hebroon Waaltaawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.