Hoggantoonniifi hojjettoonni Itiyoo- Telekoom biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaaban
Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Hoggantoonniifi hojjettoonni Itiyoo- Telekoom sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon Inxooxootti biqiltuu dhaabaniiru.
Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruu wayita kana guyyaa har’aa hoggantoonniifi hojjettoonni dhaabbatichaa guutuu biyyattiitti biqiltuu kuma 200 fi kuma 50 akka dhaaban ibsaniiru.
Dhaabbatichi ijaarsa diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu keessattis ashaaraa isaa kaa’aa jira jedhaniiru.
Itiyoo-Telekoom waggoottan torban darban keessa biqiltuu miiliyoona 4 fi kuma 600 iddoowwan 889’tti dhaabuu yaadachiisanii, kanneen keessaas %82.7 lalisuu ibsaniiru.
Qiddist Abaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia