Hojiin dhaabbileen siiystemaan akka hogganaman gochuu bu’aa argamsiisaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC)- Hojiin dhaabbileen siiystemaan akka hogganaman gochuu bu’aa argamsiisaa jira jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, har’a ganama hojiilee riifoormii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Danbii daawwanneerra jedhan.
Hojii riifoormii hojjetameen komii hawaasni Kanaan dura kaasaa ture furuun ilaalama, namuusaafi hojimaata ammayyaa diriirsuun jijjiiramni bu’uuraa galmaa’uu eeraniiru.
Hojiileen hojjetamanis tuttuqqaa waraqaa kan hambisan, tajaajila si’eessan, murtoo ragaa irratti hundaa’e kennuufi komiiwwan furuuf kan gargaaran akkasumas cabiinsa danbii haala salphaan adda baasuun sirreessuuf kan dandeessisan ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis appilikeeshiniin hirmaannaa lammiilee, giddugalli dhiyeessii eeruufi komii afaanota shaniin tajaajila kennu, kutaan hordoffii, giddugalli leenjii ammayyaa, gurmaa’iinsi biiroo ammayyaa, iddoon tursiisa daa’immanii, kaafteeriyaan hojjettootaa, suuqiin shammattootaafi giddugalli Ispoortii tajaajilaaf banamuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia